Jaakkeettii Meelaaniyaa fi suuraalee pireezidantummaa Tiraamp ibsan saglan

Maxxanfame

Waggoota afuriif Donaald Tiraampiin bulaa kan turte Ameerikaan bulchiinsa haarayaaf of qopheessaa jirti.

Walgahii hogganoota biyyoota addunyaa irraa hanga keessummoota jajjaboo Waayit Haawusitti suuraalee taateewwan ijoo bara pireezidantummaa Tiraamp ibsan walitti qabneerra.

Sirna kakuu Tiraamp irratti bara 2017

Madda suuraa, Reuters

Sirna kakuu raawwannaa Tiraamp Amajjii 20 bara 2017 irratti namoonni hedduun walitti qabamanii mul'atu.

Sirna kana guyyoota muraasa booda Tiraamp miidiyaaleen lakkoofsa nama sirnicharratti argamee xiqqaa akka fakkaatutti agarsiisan jechuun komatanii turan.

Dubbi himaan Waayit Haawus Shoon Ispeensar "lakkoofsa uummata sirna kakuu raawwannaa irratti argame isa guddaadha, kanuma" jedhanii turan.

Tiraamp lakkoofsa namoota sirna kakuu raawwannaa Baraak Obaamaa kan bara 2009 waliin wal bira qabamuun gabaafamuu isaatti akka mufatan himamaa ture.

Warreen olaantummaa adii dhaadhessan

Madda suuraa, Getty Images

Warreen olaantummaa adii dhaadhessan Hagayya bara 2017 ibsaa qabatanii hiriira bahani turan.

Guyyaa itti aanu faallaa kanaa warreen olaantummaa adii mormanii fi jibba sanyummaa balaaleffatan hiriira bahanii wayita turanitti konkolaataan ariitiin irra bahee dubartii tokko yoo ajjeesu namoota 19 madeesse.

Kana irratti yoo dubbatan Tiraamp jechi fayyadaman dheekkamsa kaase ture.

"Hokkora gama hedduun uumame" jechuun warra olaantumma adii dhaadhessanii fi warra jibbi sanyummaa haa badu jedhan wal bira qaban ykn qixa ilaalan jechuun komataman.

Sa'aatii 48 booda kanneen olaantummaa adii dhaadhessan addatti balaaleffatanillee barfatanii turan.

Wagga sadii booda Joo Baayidan sababa deebii Tiraamp taatee kanarratti kennaniin ittiin morkachuuf akka murteessan dubbatan.

Tiraamp walgahii biyyoota G7 kan bara 2018 irratti hogganoota addunyaan marfamanii

Madda suuraa, EPA

Tiraamp yeroo hedduu hogganoota biyyoota michoota Ameerikaa ta'an waliin wal lola.

Kunis walgahii hogganoota biyyoota G7 kan bara 2018 Kaanadaatti taa'ame irratti mul'ate.

Walgahii sana dursee Tiraamp omishaalee sibiilaa biyyoota EU, Meeksikoo fi Kaanadaa irratti qaraxa waan dabaleef walgahichi miira gaariin hin eegalle ture.

Hogganoonni biyyoota kanneenii isaaniis tarkaanfii haaloo bahumsaa akka fudhatan dhaadataa turan. Pireezidantiin Firaans Imaanu'eel Makiroon tiwiitara gubbaatti jechoota walitti darbataa turan Tiraamp waliin.

Suuraaleen hedduun hogganoonni kun waliin ka'an kan hariiroo gaarii akka qaban mul'isu jiraatullee suuraan kun muudama ture agarsiisa jedhamee xiyyeeffannaa argatee ture.

Tiraamp hogganoota kaan dursuun walgahicharraa kan gale yoo ta'u, Ameerikaan biyya namni hunduu qabeenya ishee saamuu barbaadudha jechuun dubbatanii turan.

Meelaaniyaa Tiraamp jaakeetii barreeffama ''homtuu dhimma koo miti'' jedhu irra jiru uffattee

Madda suuraa, Reuters

Giifti dureen Ameerikaa Meelaaniyaa Tiraamp Waxabajjii bara 2018 jaakkeettii "I really don't care, do you?" ykn 'ani dhimmasaa hin qabu, ati hoo?' jedhu uffattee iddoo godaantonni daa'imman ta'an itti hidhaman daawwatte.

Wayita pireezidant Tiraamp sababa imaammata godaansaa isaaniin daa'imman maatiirraa adda qoodan jedhamuun qeeqamaa turanitti giifti dureen uffata barreefama kana qabu uffachuun ta'e jedhamee waan raawwatame jedhamuun qeeqamte.

Dubbi himtuun giifti duree uffannichi "ergaa dhokataa hin qabu" jechuun dubbatan.

Booda garuu uffannaan ishee ergaa akka qabuu fi miidiyaa fi namoota ishee qeeqaniif, 'waan feete jettanis, ani dhimma hin qabu, waan sirriidha jedhee yaade gochuurraa duubatti hin jedhu," erga jedhu dabarsuufi akka barbaadde himte.

Naansii Peeloosii Tiraampiif wayita harka dhooftu

Madda suuraa, Getty Images

Naansii Peeloosii af-yaa'iin koongirasii Ameerikaa haalli isheen pireezidantichaaf harka dhoofteef dubbii ijoo ture.

Bara 2019 kora waloo manneen maree Ameerikaa lamaanii irratti ture. Tiraamp haasaa isaanii keessatti siyaasa keessatti marii fi walii dhiisuun jiraachuu qaba jedhani.

Haasaa isaanii kana haala hin baratamneen osoo af-yaa'iin affeerraa hin godhiniif eegalan.

Wal-diddaa Tiraamp fi Peeloosii jidduu ture ibsa jedhamee suuraan kun hedduu qoodame.

Tiraamp daangaa Kooriyaa Kaabaatti yoo qaxxaamuran

Madda suuraa, Getty Images

Tiraamp sarara daangaa Kooriyaa Kaabaa fi Kooriyaa Kibbaa adda baasu wayita qaxxaamuran, Waxabajjii bara 2019. Kana gochuun pireezidantii Ameerikaa Aangoorra jiru isa jalqabaa ta'an.

Haal-duree tokko malee hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun waliin wal arguuf murteessuun Tiraamp addunyaa ajaa'ibsiisee ture. Keessumaahu jarri lamaan erga wal arrabsaa fi wal doorsisaa turaniin booda ta'uuun isaa.

Biyyoonni lamaan hariiroo fooyyeffatanis waa'ee sagantaa Niwukileeraa Kooriyaa Kaabaa irratti garuu bu'aan argame hin jiru.

Kiim Kardaashiyaan-Weest dubartiin TV irratti beekamtu Waayit Haawusitti waa'ee haaromsa manneen hidhaa keessaa wayita haasoftu

Madda suuraa, Getty Images

Kiim Kardaashiyaan-Weest dubartiin TV irratti beekamtu Waayit Haawusitti waa'ee haaromsa manneen hidhaa keessaa wayita haasoftu. Jijjiirama sirna haqaa Ameerikaa irratti duulaa kan turte Kim Kardaashiyaan xiyyeeffannaa Tiraamp argattee turte.

Dubartiin kun akkawoo ishii umurii guutuu hidhamteef qabsaa'aa turte. Akkawoon ishee kun booda ajaja Tiraampiin akka gadi dhiifamtu ta'eera.

Pireezidant Tiraamp namoota 94f dhiifama kan godhe yoo ta'u osoo aangoo hin gadi dhiisiin namoota 100n gahuuf kanneen jedhan jiru

Waxabajjii bara 2020 Tiraamp Macaafa Qulqulluu qabatanii bataskaana naannoo Waayit Haawus jiru fuula duratti mul'atan.

Madda suuraa, Reuters

Waxabajjii bara 2020 Tiraamp Macaafa Qulqulluu qabatanii bataskaana naannoo Waayit Haawus jiru fuula duratti mul'atan.

Tiraamp gara bataskaana kanaa miilaan akka deeman karaa qulleessuuf jecha mormitoota nagaa irratti wanti ija nama gubu itti biifamee humnaan bittimfaman.

Mormitoonni ajjeechaa nama gurraacha Joorji Filooyid irratti poolisiin raawwate balaaleffachaa turan.

Gochi isa kun amantaa dhimma siyaasaaf itti fayyadamee jechuun akka qeeqamu taasisee ture.

(From top) Eric Trump, son of the US President, daughter and Senior Advisor to the US President Ivanka Trump, US First Lady Melania Trump, daughter of the US President Tiffany Trump and Donald Trump Jr., son of the US President, are seen ahead of the first presidential debate at the Case Western Reserve University and Cleveland Clinic in Cleveland, Ohio on September 29, 2020

Madda suuraa, AFP

Fulbaana 29, 2020 wayita Tiraamp morkataa isaa Joo Baayidan waliin falmii godhu maatiin isaa taa'anii ilaalaa turan.

Hirmaattonni marti maaskii godhachuu qabu qajeelfama jedhu cabsuun qeeqamanii turan.

Guyyoota muraasa booda Tiraamp koronaavaayirasiin qabaman.

Halkan sadi hospitaala erga turanii booda gaafa bahan namni vaayirasicha akka hin sodaanne jajjabeessaa turan.

Jalqaba ji'a kanaa deeggartoonni Tiraamp gamoo mana maree bakka bu'ootaa US Kaappitool cabsanii seenan.

Madda suuraa, Reuters

Jalqaba ji'a kanaa deeggartoonni Tiraamp gamoo mana maree bakka bu'ootaa US Kaappitool cabsanii seenan.

Kuni hiriira filannoon hatameera jechuu Tiraamp hordofee "hanna dhaabaa" jechuun bahame irratti.

Namoonni shan sababa hokkora kanaan yoo du'an, hogganooti biyyoota addunyaa hedduun haleellaa diimokiraasii irratti raawwatame jechuun ibsan.

Sana booda Seeneetiin Ameerikaa yeroo lammaffaaf aangoorraa akka kaafaman himate. Tiraamp pireezidantii Ameerikaa al lama akka aangoorra kaafamu himatame isa jalqabaati.

Suuraaleen hundi mirga abbeentaa qabu.