Niiwu Yoorkitti baasiin ummata fe'ee deemu riqicharraa kufee rarra'uun namoonni madaa'an

Maxxanfame

Mangaalaa Niiwu Yoorkitti baasiin dheeraa ummata fe'ee deemaa ture balaa uumameen riqichaarraa gara daandii jala jiruttikufee yoo xiqqaate namootni saddeet madaa’aniiru.

Dhabbati Ittisa Ibbiddaa Magalaa Niiwu Yoork Kamisa Tiwiitara gubbaatti suuraa baasiin kun yeroo riqicha bulchiinsa Biroonksi keessa jiru irratti rarraa’ee utuu jiru agarsiisu maxxanseera.

Duddubbeen baasiichaa riqichichaarra taa’ee fuldurri isaa garuu daandii riqicha kana jala jiru irratti kufee rarra’ee jira.

Konkolaachisaan baasiichaa namoota miidhaman keessaa tokko yoo ta’u, haala hamaa keessa jiraachuun isaa gabaafameera.

Maddi balaa kanaa ammatti ifa miti.

“Qorannee balaa kana keessaa miiidhamtoota saddeet wal’aanaa jirra,” jechuun Itti-aanaan tajaajila ittisa ibiddaa Pool Hoppeer himeera.

“Baasiin kun riqichicha irraa gara meetira 15 kufe. Namootni kun madaan isaanii kan lafa olka’aa akkanaa irraa kufuu waliin wal fakkaata.”

Kawuunsiliin magaalaa Niiwu Yoork Maark Leviin, “balaa hamaa” kana booda taajijilootni lubbuu baraaran naannichaa gutummaatti cufuu Tiwiitara gubbaatti barreessaniiru.