Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maallaqa: Nootii birrii irratti barreeffame fuudhuun dhuguma dhorkamee?
Nootiin maallaqa haaraa Itoophiyaan baatilee muraasa dura maxxansiifte guutummaatti hojiirra ooluu eegaleera.
Tibbana oduun 'nootii birrii irratti barreefame hin fuudhiinaa' jedhu marsaalee hawaasaa irratti bal'inaan qoodamuu hordofee namooti nootii haaraa irratti barreeffame harkaa qaban yaaddoo ibsataa turan.
Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa dhimma kanarratti ibsa baaseen nootii haaraa maxxanfame irratti barreessuun, tarsaasuu fi qalama itti dibuun yakka ta'uufi seeraan kan nama gaafachiisudha jedheera.
Haa ta'u malee 'nootii birrii irratti barreeffame hin fuudhiinaa' kan jedhame oduu sobaa, bu'uura hin qabnedha jedhe.
Nootiin birrii haaraan biyyattiin hojiirra oolchite Fulbaana 06 irraa eegalee hanga hanga Mudde 06 bara 2013 nootii moofaa duraan tureen jijjiiramaa ture.
Nootiin haaraan kun baasii sharafa alaa olaanaan kan maxxanfamu ta'uu kan eeree Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa, yeroo dheeraa tajaajila kennuu akka danda'u of eeggannoon qabamuu qaba jedheera.
Nootiin haaraan sababoota gara garaan miidhaan irra gahee akkamiin tajaajilaan ala ta'uu akka qabu baankichi qajeelfama qopheessaa jiraachu eeree jira.
Ammaaf garuu nootii irratti barreeffame hin fuudhinaa jechuun odeeffannoon tamsa'aa jiru sobadha jedheera.
Itoophiyaan Fulbaana darbe nootii birrii kan jijjiirteef maallaqni guddaan baankiin ala socho'aa jiraachuu eeruun ture.
Maallaqni hedduun sirna baankiin ala jiraachuun immoo malaammaltummaa fi kontirobaandiin akka babal'atu godheera jette.