Poolisiin maatii suuqii hatuun shakkaman to'achu dhiisee nyaata biteef

Madda suuraa, Somerset Police Department
Qondaalli poolisii Ameerikaa maatii hanna suuqiitiin shakkaman akka to'atuuf waamamee ture, hidhuu dhiisuun akka ayyaana Gannoo haala gaariin dabarsaniif nyaataa biteef.
Qondaalli poolisii Maat Liimaan ji'a darbe Maasaachusets Somarsat keessatti man-kusaa nyaataa tokkoon bilbilamee waamamee jedha ibsi poolisiin kenname.
Dubartoonni lama waan suuqichaa fudhatan hundaaf kan hin kanfallee ta'uu gabaafame.
Wayita gaafatamanittis, dubartoonni kunneen rakkina keessa jiraachuufi nyaataa suuqichaa fudhan hundaaf kanfaluuf akka hindandeenye himan.
Ammas ijoolleedhaaf guyyaa Gannoo mataasaa waan laataniif akka hinqabne dubbatan.
Liimaan erga kana dhagaheen booda ajaja ''balleessaa hinqaban'' jedhu dabarse. Itti aansees kiisii ofiisaatii doolaara 250f kaardii kennaa kan suuqii gara biraatii nyaata ittiin bitatan dubartootaaf kenne.
Kunis ijoolleen isaanii lamaaniif ayyaan Gannoo kan ittiin oolan nyaataa akka bitaniif jedheera.
''Ijoolleen lamaan dubartoota waliin jiran ijoollee kiyya na yaadachiisa, kanaafu gargaaruun qaba'' jedhee qondaalli Poolisii kun.
''Dhugumatti maatiin kun baayyee rakkataniiru. Kanaafuu murtee kan kanfaluu danda'an qofa bitachu qabu turan jedhu dabarsuuf yaaduu ykn ofii kiyyaan achi dhaqee ijoollee sanaaf nyaataa ayyaan Gannoo geessuufii yaaluu hindanda'u ture,'' jechuun TV biyya keessaatti hime.
''Isaanis baayyee gammadan, baayyee naasuun itti dhagahamees. Namoonni baayyeen haala wal fakkaatu keessatti osoo argaman dhumnisaa adda ta'a jedhanii akka eeganan yaada. Tarii hidhamanii ykn mana murtiitti dhiyeeffamu jedhanii yaadu ta'a.
''Kaardii kennaa kan gatiinsaa waan fudhachu qabaniin walitti dhiyaatuun kenneef,'' jedheera. ''Ani wannan sirriidha jedhee yaaden raawwadhe. Ofii kiyyas bakka isaanii kaa'ee yaaduun gara laafuummaa xiqqoo ishee itti agarsiisuuf yaale.''












