Gaheessonni Chaayinaa biiliyoona walakkaa ol tahan 'ulfaatina garmaleef saaxilamaniiru' jedhe qorannoon

Madda suuraa, Getty Images
Walakkaan uummata Chaayinaa umurii ga'eessummaa keessa jiranii gara walakkaa biliyoonaa tahan, furdina akka maleef saaxilamaniiru jedhe qorannoon.
Erga bara 2002 yeroo ga'eessotni Chaayinaa %29 tahan furdina akka maleef saaxilamaniiru jedhameen as lakkoofsi isaa ariitiin dabalaa jira.
Guddinni diinagdee biyyattii waggoota kurnan darbe keessa ariitiin jijjiramuun, haalli jireenya namootaas akka jijjiiramu taasiseera. Kunis haala nyaataa fi sochii qaamaa irratti jijjiirama dhufedha.
Ji'a Onkoloolessaa keessa mootummaan Chaayinaa furdina akka malee xiqqeessuuf karoora akka baase ibsee ture.
Furdinni akka malee kun dhukkuboonni akka dhukkuba onnee, istirookii fi sukkaaraa akka babal'atan taasiseera.
Ulfaatinni akka malee kun xiyyeeffannoo haaraa akka argatu kan taasise qorannoon akka agarsiisutti, yeroo weerara koroonaavaayirasii kanatti namootni furdina akka maleef saaxilaman vaayirasichaan akka malee miidhamu ykn du'aaf saaxilamu waan taheef.
Komishiniin fayyaa Chaayinaa gabaasa kaleessa baaseen gaheessonni %50 ol tahan ulfaatina akka maleef saaxilamuun; isaan keessaa %16.4 kan tahan ammoo furdina hin barbaachisneef saaxilamaniiru.
Sababa kan jedhame ammoo namootni hedduun sochii qaamaa taasisan xiqqeessuu isaaniiti. Uummata umurii ga'eessummaa keessa jiran keessaa nuusa kan tahan torbanitti al tokko qofa sochii qaamaa taasisu.
Fedhiin foon soorachuu dabaluu fi kuduraa xiqqeessuun sababa biraatis jedhame.

Madda suuraa, Getty Images
Ogeessa naamusa nyaataa kan tahe Waangi Daan magaalaa Harbin irraa AFPtti akka himetti, sochii qaamaa xiqqaa, dhiibbaa guddaa jala tahuu fi yeroon hojii gaarii tahuu dhabuun sababoota ulfaatina akka maleef saaxilanidha jedhe.
Ulfaatina akka malee kanaaf biyyootni saaxilamaa jiran Chaayinaa qofa miti. Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa erga bara 1975 as harka sadiin dabaleera jedhe. Biyyoota guddataa jiranii fi galii gidduugaleessaa qaban keessatti garuu gadi bu'aadha.
Akka WHO'n jedhutti bara 2016 uummata addunyaa keessaa umurii gaheessummaa keessa kanneen jiran %40 kan tahan, ulfaatina hin barbaachisneef %13 kan tahan ammoo ulfaatina akka maleef saaxilamiiru.
Qaataar addunyaa kana irraa biyya furdina akka malee kanaaf saaxilamte yoo tahu, uummatnishee %70 tahan, ulfaatina hin barbaachisneef saaxilamaniiru.















