'Dukkana keessa teenyee ifa ilaalaa turre' - Kaffaaloo Tafarraa

Maxxanfame

Kaffaaloo Tafarraa kan hidhaa waggoota hedduu booda waggaa lama dura miilli isaa lamaan citanii mana hidhaatii bahee, torban dura digirii jalqabaan eebbifameera. 'Dukkana keessa teenyee ifa ilaalaa turre' jechuun waayee milkaahina isaarratti BBC waliin haasa'eera.

Gaaffiifi deebii waggaa lama dura taasifneen waggoota hedduu dura wayita barataa yunivarsiitii turetti boqonnaaf gara maatiisaa yeroo deemutti, dhukaasa qaamolee nageenyaa mootummaarraa banameen miillisaa tokko battalatti yeroo citu inni kan biraan immoo hospitaala erga galee booda akka citu taasifamuusaa Kafyaalaw nutti himee ture.

Hidhaarra wayita turettis dararaan sukkaneessaa irratti raawwatamaa turuu dubbata.

Dhiyeenya kanammoo mummee barnootaa hooggansa (Management) digrii jalqabaasaa xumuruun ebbifameera.

Gaazexeessaan BBC Habtaamuu Xibabuu, turtii Kaffaaloo Tafarraa walin taasisen, waggoota lamaan mana hidhaatii erga bahee booda jiran maala akka fakkaatanfi akkamiin akka dabarse gaafachuun eegale.

Kaffaaloo: Waggaa lamaan kana waa hedduunin dabarse. Waggaan lamaan kun naaf gammachuudha, naaf qormaata, waa hedduu keessan dabarse jechuudha.

Jireenya tokko jedhee jalqabuufis haalli jiru ulfaataa ture. Akkuma mana hidhaati baheen carraan barumsaa waan naaf laatamef carraa sanatti fayyadamee waggaa lamaan kana barumsarran ture.

BBC: Akka mana hidhaatii baaten dhimmi kee biyya keessafi biyya alaatti ijoo dubbii ture. Wayita gara hawaasaatti deebitee jiraachuu eegaltutti miirri haawasa bira jiru maal fakkaata?

Kaffaaloo: Akka mana hidhaatii baanen hawaasni baay'ee nu simate. Simannaa bareedaa ture. Waggaa lamaan kana keessatti yerookoo gara caalmaan uummata faana, namoota na simatanif namoota na argachuu barbaadan faana dabarse.

Waggaa 12 ol uummatarraa adda baheen ture. Deebistee namootatti dhiyaachuu akkatti nama faana haasa'an fi namaan walhubatan baruunis qormaata ture.

BBC: Gaaffiifi deebii waggaa lama dura goonen barnoota yunivarsiitii addaan akka kutte natti himtee turte. Dhiyeenya kanammoo eebifamteerta. Barnoota akkatti itti dhaabde nu yaadachiisitii waa'ee carraa barnootaa argatte fi akkamiin akka barattee xummurte nutti himi

Kaffaaloo: Yunivarsiitii Hawaasaatti mummee barnootaa Saayinsii Biqilootaa /Plant Science/ waggaa sadaffaa xummuree boqonnaadhaaf dhufeen rukutame. Rukutamee mana hidhaatti waanin darbatameef barumsa addaan kute.

Mana hidhaa keessatti namootni muraasni carraan barnootaa laatameefii barachaa turan. Ana garuu na barsiisuuf fedhii hin qaban ture.

Namoota itti gaafatama guguddaarra turan boo'ee kadhachaan ture, garuu carraa naaf hin laanne. Kanaaf carraa barnootaa osoon hin argatin mana hidhaatii bahe.

Yeroon mana hidhaatii bahummoo Rift Vaalii fi Lidstaar carraa barnootaa naaf laatan. Lidstaar jalqaba waan naaf laatef achittin baradhe. Dr Gammachis baay'ee yaa galatooman. Haaluma kanaatin mummee barnootaa 'Management' baradhe.

BBC: Waggoota lamaan darban keessa barnoota barachuun dabalataan maatis horateerta. Waa'ee maatii keeti natti himi.

Kaffaaloo: Yeroo tokko tokko uummamni nama dirqisiisti. Yeroon mana hidhaa ture haadha manaa fuudhee ijoolleen horadha jedhee yaadee hin beeku.

Haalli keessa turreef murtiin nurra ture akkasumas yoo gadi baanellee qabsootti bobbaanee wanta dandeenyun gumaachuuf ture hawwiin mana hidhaa keessatti qabnu.

Yeroo gadi baanummoo haalli akka nuti yaadne sana ta'uu dide. Kanaaf gara mana ijaarachuutti deebine. Waaqayyoof yaa galatu mucaa dhiiraa tokko argadheera.

BBC: Wayita mana hidhaa keessa turte dararaawwan sukkaneessoo hedduu sirratti raawwatamaa akka turan natti himtee jirta. Yeroo sana yeroon milkii yookin yeroon abdii haaraa kun ni dhufa jettee yaadaa turtee?

Kaffaaloo: Dhugaa dubbachuuf yeroon kun ni dhufa jennee inuma yaadna ture. Yeroon kun hin dhufu jettee osoo yaaddee abdii kutatta waan ta'eef mana hidhaa keessa turuu hin dandeessu.

Qormaata sana hunda keessa kan dabarreef dukkana keessa teenyee ifa ilaalaa turre. Yeroonsaa ni dheerata, ni gabaabbata, yoom ta'a kan jedhu hin beeknu malee carraa bahu argachuu akka dandeenyu fi baanemmoo maal gochuu qabna kan jedhu karoora qabna ture.

BBC: Waggoota lamaan darbanitti barnoota barachaa turte, maatis horatteerta. Hojiihoo hojjetaa turtee?

Kaffaaloo: Hojii hojjechuun dirqama. Maatii horadheen jira. Kanaaf maatii kiyya jiraachisuun dirqama kiyya. Hanga ammatti garuu hojii hin jalqabne.

Jalqabuuf garuu adeemsarran jira. Birokiraasii biyya kanaa kanuma beektudha. Birokiraasii kana keessa darbaan jira. Heeyyama daldalaa baasee hojiitti galuuf sochiirran jira.

Barumsa kiyyallee akkaataa hojii dhuunfaakoo ittin bulchuu fi hogganuu danda'u ilaalcha keessa galcheen baradhe. Hojii barbaadee qacaramee jiraachuuf qaamnikoo fi sammuunkoo qophii miti, baay'ee na rakkisa.

BBC: Karoorrikee kana boodaahoo maali? Barumsahoo itti fufuuf yaada qabdaa?

Kaffaaloo: Barumsa digirii lammaffaa itti fufuun barbaada. Dheengaddayyuu galmaa'uuf gaafadhee "galmeen bara kanaa darbeera" naan jedhan.

Yoon carraasaa argadhe Yunivarsiitii Finfinnee osoon galee natti tola. Humnasaa yoon qabaadhefi namni na gargaaru yoo jiraate Kiiloo 6 galee yoon baradhe natti tola. Daldala keessa seenee maatiikoo gargaaree cinaatti barumsa barachuun barbaada.