Pirezidaantiin Chiilii maaskii malee suuraa ofee ka'uusaaniitiin adabaman

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantiin Chiilii Sebaastiyaan Pineeraa, handaara galaanaa iddoo bashannanaatti suuraa ofee (selfie) ka'an irratti maaskii osoo hin uffatin waan mul'ataniif doolaara Ameerikaa 3,500 adabaman.
Pirezidaanti Sebaastiyaan Pineeraa wayita suuraa ka'an sanatti maaskii uffachuun akka irra ture himuun dogoggorsaanii amanan.
Suuraan pirezidaantichi dubartii tokko waliin iddoo bashannanaa handaara galaanaatti ka'an erga ji'a darbeetii akkaan qoodamaa jira.
Suuraa sanarratti lamaansaaniiyyuu golgaa afaanii fi funyaanii yookiin maaskii hin uffanne turan.
Wayita dubartiin sun suuraa waliin ka'uuf isaan gaafattetti yaadatanii maaskii uffachuun akka irra ture himuun waan mudatetti gaabban pirezidaantiin kun.
Chiiliin golgaa afaanii fi funyaanii yookiin maaskii irratti seera jabaa baafattee qabdi.
Namni seera kana cabsee argame maallaqaa fi hidhaadhaan adabama.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Suuraan biyyattii keessatti dubbii jabduu taate kun pirezidaanti Sebaastiyaan Pineeraa nama siyaasaa daba qabanii fi mataa jabaatan ta'uusaanii mirkaneessite.
Qondalli olaanaan kun daba siyaasaa isaanii yeroo baayyee komatamu.
Bara darbe wayita lammiileen biyyattii hiriira ba'anii gaaffii haqaa fi walqixxummaa gaafachaa turan isaanimmoo galgala sana osoo piizaa fi waan kaaniin iddoo paartiitti bashannanii suuraa ka'anii mul'isan.
Kunimmoo magaalaa guddoo biyyattii Saandiyaagoo keessatti mufii hamaa kaasisee ture.

Madda suuraa, Getty Images
Bara kanas Ebla darbe keessa osoo uggurri koronaavaayirasii hin kaa'amin dura iddoo giddu gala mormitoota mootummaa ta'etti suuraa ka'uunsaanii namoota hedduu dheekkamsiiseera.
Saandiyaagoo keessatti erga uggurri sochii uummataa labsamee as goolamni hedduun mudateera.
Yeroo ammaa baay'inni namoota koronaavaayirasiin qabamanii Chiilii keessatti akkaana dabalaa jira.
Erga ji'a Waxabajjii as biyyattii keessatti guyyaatti namoota kuma tokko caalantu koronaavaayirasiin qabamu.
Biyyattii keessatti hanga ammaatti namoonni 581,135 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u kanneen keessaa 16,051 kan ta'an lubbuu dhabaniiru jedha ragaan yuuniversitii Joons Hoopkins.















