Qondaaltoonni Paaris dubartoota hedduu qacaruusaaniif maallaqaan adabaman

Madda suuraa, Getty Images
Kantibaan magaalaa Paaris Anii Hidalgoo aangoo sadarkaa olaanaatti dubartoota hedduu muudan seera cabsuun erga itti himamee booda ‘dubartootaaf quuqama caalmaatti mul’istee - ('too feminist')’ jechuun qoosan.
Kunis bara 2018 dubartoota kudha tokko fi dhiirota shan hojiichaaf filatamuu ykn muudamuusaanii hordofuun, seera biyyattiin walqixummaa koorniyaa hojiirratti kabachiisuuf akka biyyaleessaatti bara 2013 baafte cabsuun qondaaltoonni magaalaa Paaris adabamaniiru.
Qondaaltoonni Paaris €90,000 ($109,000)akka kaffalan Ministirri Tajaajila Hawaasummaa biyyattii itti mureera.
Aadde Hidalgoon ‘’adabamuu keenya yeroon himu gammachuutu natti dhaga’ama’’ jedhan.
Seerri biyyattiin walqixxummaa koorniyaa eeguuf baafte akka jedhutti, tajaajila hawaasummaatiif saala tokkicharraa %60 ol muuduun hin danda’amu.
Aadde Hidalgoon garuu hojiichaaf %69 dubartoota filatan.
Kaantibaan kun mana mareetti yeroo dhimma kana himan qoosaa akkas jedhan, ’’maanejimantiin magaalichaa hundi akka tasaa quuqamtoota baayisanii dubartootaaf falman ta’ani’’ jedhan.
Haa ta’u malee, Firaansitti dubartoota aangoo sadarkaa olaanaaf filachuun walqixxummaaf koorniyaatiif dubartoota dhiira caalaa muuduun itti fufuu akka barbaachisu dubbataniiru.
‘’Adabbiin kun sirrii miti, haqummaa hinqabu, ittigaafatamummaa dhabuu fi waanta hamaadha’’ jedhan.
Ministirri Dhimma tajaajila hawaasummaa Amilii di Montichaliin seerri adabbii hordofsiise kun bara 2018 jijjirameera jechuun toora tiwitaraa gubbaatti deebii kennaniifi jiru.
Bara 2019 irraa eegalee dhiira ykn dubartoota hedduu hojiirratti muuduun/filachuun adabbiin hordofsiisuus hir’ateera, yoo madaalli koorniyaa waliigalatti hojiirratti dhiibbaa guddaa hin fidu ta’e jedhan.














