Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan dhimma hidhaa gaazexessituu Bloomberg irratti jiddu galumsa akeekkachiste
Chaayinaan to'atamuun gaazexessituu madda oduu 'bloomberg' jedhamuuf hojjattu ''dhimma keessoo'' kiyya jechuun jiddu galiinsa kaanii akeekkachiifte.
Lammiin Chaayinaa Haazee Faan, nageenya biyyaa balaarra buusteetti jedhamuun aanga'ootaan himatamun torban darbe to'annaa jala oolfamte.
Gamtaan Awurooppaa (EU)n gaazeexeessitoota sababii gabaasa hojjataniin walqabatee to'ataman akka gadhiiftuuf Chaayinaa gaafateera.
EU'n ibsa Sanbata baaseen, aanga'oonni Chaayinaa gaazexessituu Faan ''yoo kan barbaachisu ta'e qoricha akka argattu gochuu, abbaa alangaa isheen feetu akka argatuufi maatiin akka wal agartuu'' taasisuu qabu jedheera.
Kilabiin Gabaaftoota Biyya alaa Chaayinaa (FCCC) midiyaaleen idil-addunyaa hojjattoota isaanii Chaayinaa irratti hirkatu jechuun deeggarsa isaa ibseera.
Haa ta'u malee, Imbaasiin Chaayinaa kan EU keessaa ''Faan sochiiwwan yakka nageenya biyyaa balaarra buusuu keessatti hirmaachuun argamtee'' jechuun deebii kenneera.
Itti dabaluunis eenyummeessa WeChat isaa irratti, dhimmichi haaluma seeraatiin qoratamaa jiraachuufi mirgoonni Faan gutummaatti eegameers jedhe. Dhimmi kunis ''gutummaatti dhimma keessoo Chaayinaa waan ta'eef biyyi ykn dhaabbanni biraa kamu gidduu galuuf mirga hinqabu,'' jedheera.
Gaazexessituu Faan bara 2017 kaasee Bloomberg kan hojjataa jirtu yoo ta'u, isaan dura madda oduu Rooyitars, CNBC, Al Jaazeerfi CBSfa'iif hojjataa turte.
Gaazexessituun kun gaafa Muddee 7 erga gulaalaa ishee waliin haasofteen booda battalumatti wayita qondaaltoota nageenyaa uffata idilee uffataniin dabaalamte gamoo irra jiraatu keessaa qabamtee fudhatamu argamte.
''Waa'ee ishee baayyee yaaddofneerra. Haala jiru sirriitti hubachuufis aanga'oota Chaayinaa waliin haasa'aa jirra,'' jette dubbi himtuun Bloomberg kan Niiw Yoorkiitti bu'uurreffate.
Ishee gargaaruufis waan danda'ameef hunda akka raawwatan dabalun himte.
FCCC gama isaatiin Faan maaliif akka hidhamte ilaalchisee aanga'oota irraa ibsa gaafataa turre jedhe.
Gaazexessituu Faanis bara kanatti aanga'oota Chaayinaatiin rakkinni mudachuun kan jalqabaa miti.
Jalqaba 2020tti walitti dhufenyi Waashingtan waliin qabnu badeera jechuun riipportaroonni Niiw Yoork Taayims, Z Waashingtan Poost fi Barruu Weel Istriitiif hojjatan guyyoota muraasa keessatti hayyama midiyaasaanii akka deebiisan taasifamaniiru.
Hagayya keessa ammoo aanga'oonni Chaayinaan gaazexeessaa Awustiraaliyaa kan Chaayinaatti dhalate, Cheeng Leeyi kan miidiyaa motummaa Chaayinaa CGTN hojjatu, dhimma nageenyaa jedhuun hitee jirti.
Fulbaan keessa ammoo, gabaastoonni Awustiraaliyaa lama erga Ministeera nageenyaa motummaatiin gaaffiin dhiyaateefiin booda battalumaan Chaayinaa bahaniiru.
Hong-Koong keessatti ammoo deegaraan midiyaa dimokraasiifi daldalaa beekamaan Jeemii Laayi jalqaba baatii kanaatti 'seera nageenya biyyaa' mormiisiisaa jalatti himatameera.