Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paawoloo Roossii: Gootni Waancaa Addunyaa Xaaliyaanii gaafa owwaalcha isaa saamame
Manni goota Xaaliyaanii Waancaa Addunyaa 1982 biyyattiin akka irra aantu gargaare, Paawoloo Roossii, gaafa guyyaa owwaalcha isaa saamamuu, gabaasaaleen biyya keessaa himan.
Taphataan beekamaa kuni Kamisa erga du'e booda owwaalchi isaa gaafa Sambataa magaalaa Kaaba - Bahaa biyyattii Visenzaa jedhamutti raawwate.
Haa ta'u malee, haati warraa isaa Federikaa Kaappeleettii owwaalcharraa yoo deebitu manni saamameera.
Ejansiin Oduu Xaaliyaanii Ansaa jedhamu akka gabaasetti manni isaanii cabee sa'aatii Roosiifi qarshiin kanneen saamaman keessaatii.
Manni isaanii cabuun poolisiif kan gabaafame yoo ta'u yeroo ammaa qoratamaa jira jedhameera.
Roossiifi maatiin isaa bakka Poggio Cennina jedhamuufi bakka qonna ammayyaan of jiraachisutti jiraachaa turan.
Duuni isaa Xaaliyaanitti gadda uumeera. Taphataan kuni jifattoota ciccimoo biyyattii keessaa isa cimaati jedhameeti ilaalama.
Garee biyyaalessaa Xaaliyaaniif tapha 48 irratti hiriiree galchiiwwan 20 galcheera. Galchiiwwan kunneen isa bara 1982 waancaa addunyaa biyyattiin fudhattes dabalata. Yeroos Roossiin jaha galche.
Sadarkaa kilabiitti Visenzaafi Yuventusif galchii hedduu galcheera. Waancaa liigii Xaaliyaaniis Yuventuus waliin kaaseera.
Gaafa Sambataa namoonni kuma hedduu ta'an argamanii nagaa itti dhaamaniiru.
Kanneen isa waliin Waancaa Addunyaa 1982 irratti taphatan kanneen akka Antoniyoo Kaabiriniifi kaan sanduuqa reeffaa baatanii gaggeessaniiru.
''Ani taphataa garee tokko keessa waliin taphanne qofa osoo hin taane hiriyyaafi obboleessan dhabe,'' jechuun dafee waan du'u natti hin fakkaanne jedhe Kaabiriniin.
Taphattoonnimmoo irree isaanii gubbaa waan gurraacha godhachuun tapha gaafa Sambataa taphataniiru.
Taphi eegaluu dura daqiiqaa tokkoof kan isa yaadatan yoo ta'u suuraa isaa iskirinii guddaa irratti gadhiifamerra ''Gooti hin du'u,'' akkasumas ''Chaawo Paawoloo'' kan jedhan mul'ataniiru.