Jecha fiixee arraba keenyaarra jiru maaf yaadachuu dadhabna?

Dubartii arraba baastee jirtu

Madda suuraa, Andrei David/Alamy

Maxxanfame

Jecha yookiin maqaa arraba keessan irra jiru yaadachuuf ifaajuun rakkoo waa yaadachuu jedhamee ramadamuu dhabuu danda'a, haala salphaan ittisuunis ni danda'ama.

Yeroo baayy'ee nama suuraansaa sammuu keessan keessa jiru tokko, nama sirriitti yaadattan, maqaansaa isin harkaa baduu danda'a.

Hiriyaan keessan maqaa nama isin dagattanii sana yoo waame garuu hatattamaan isiniif dhufa.

Haalli kun yeroo baay'ee maqaa yaadachuurratti mudatus, garuu jechoota kaan yaadachuu keessattis darbee darbee ni mul'ata.

Yaadicha hubachuu dandeessu, jecha ittiin yaadicha ibsitan garuu yaadachuu dhabuu dandeessu.

Rakkoon jechoota dagachuu kun yeroo baay'ee namoota umrii giddu galeessaa fi jaarrolee mudata.

Kanaan walqabatee rakkoon yeroo hedduu mudatu kan qorattoonni adda baasan maqaa namaa fi wantootaa dagachuudha.

Daguu hamaan kun sekondii hanga daqiiqaa, darbees sa'atii hedduuf turuu danda'a, aarii guddaas fiduu danda'a.

Namoonni umriinsaanii gara dullumaatti deemaa jiru, waa'ee dullumaa keessaa waan jibban wayita gaafataman jechoota dagachuudha jedhu.

As keessatti namni tokko jecha waamuuf barbaadu beeka, jechichi waan fiixee arrabaarra jiru fakkaata, garuu battala sanatti waamuun nama dhiba.

Ogeessota xiinsammuu...

Ogeessonni xiinsammuu haala Kanaan 'haala jechoota fiixee arrabaa irraa yookiin tip-of-the-tongue (TOT) states' ittiin jedhu.

TOT qo'achuun, ogeeyyii xiinsammuu waa'eesaa hubachuu barbaadaniif qormaata guddaa ta'eera.

Qo'attoonni rakkoo jechoota fiixee arraba ofii irra jiran yaadachuu (TOT) haala lamaan adda baasu: mala uumamaa fi laabraatoorii keessatti jechoota yaaluun.

Rakkoon jechoota yaadachuu garaagarummaa yeroo hagamiin akka mudatuu fi hagam furmaata argachuu akka danda'urrattis waan adda baasan qabu.

Rakkoo jechoota yaadachuu ilaalchisuun muuxannoo namoonni guyyaa guyyaan barreeffamaan olkaa'an hojii qorattootaaf galtee guddaa ta'eera.

Akkaataa qorannoo galmee guyyaa guyyaa namootaarratti hundaa'uun qoratameen barattoonni kolleejjii torbanitti yeroo tokko yookiin yeroo lama rakkoon kun isaan mudachuu danda'a.

Garuu namoota umriinsaanii 60ootaa fi 70oota keessa jiraniif lakkoofsi kun kanarra ni dabala.

Akkaataa qorannoo kanaatti rakkoon namoota umriinsaanii wagga 80oota keessa jiru mudate kan barattoota kolleejjii dachaa lama ta'a.

Dhimmoonni hedduun akka dhugoomsanitti dandeettiin waa hubachuu sammuu wayita dadhabaa deemu waan arraba keenyarra jiruu fi beeknu maqaa waamuu dadhabuun baay'achaa deema.

Kunimmoo walitti hidhamiinsa yaadrimee jecha tokkoo fi jecha yaadrimee sana bakka bu'u yeroo dheeraa booda yaadachuu dadhabuuf fakkeenya guddaadha.

Namni tokko andeettiin yaadachuu sammuu isaa wayita dulloomaa deemu yaadrimee (concept) jechaa yoo yaadatellee, jechi sun maal akka ta'e dafee yaadachuu rakkata.

Ogeessi xiinsammuu Yuuniversitii Indiyaanaa, Donna Dahlgren kanarraa yaada addaa qaba.

Dhimmichi dhimma dullumaa osoo hin taane dhimma beekumsaati jedha.

Namoonni umriisaanii dabalus odeeffannoo bal'aa yeroo dheeraa keessatti yaadataa turuu danda'u taanaan, rakkoon jecha beekan yaadachuu dadhabuu isaan mudachuu dhiisuu danda'a jedha ogeessi xiinsammuu kun.

Yeroo gara yerootti jechoota yaadachuuf yaaluun gara milkaa'inaatti nama geessa kan jedhu ogeessi xiinsammuu kun, yaadrima tokkorratti waa hedduu odeeffachuun akka salphaatti waan beeknu maqaa waamnuuf fayyada jedha.

Haala Kanaan wayita ilaalamu, TOT'n hanqina waa yaadachuu osoo hin taane inumaa madda odeeffannoo isa bu'aa guddaa qabu jedhamee fudhatamuu danda'a.

Akka qorannoon jedhutti sochii qaamaa gosa aerobic baay'inaan hojjechuun rakkoo jechoota yaadachuu furuun ni danda'ama.