Peeruun yeroo torban tokko gadiitti pirezidantii sadii jijjiirte

Madda suuraa, EPA
Kongirasiin Peeruu pirezidantii yeroo filate. Pirezidantiin kuni yeroo torban gadii keessatti sadaffaadha.
Miseensi kongirasii Firaansiskoo Sagasti, injinara ganna 76 fi barsiisaa, hanga waggaa dhufu filannoon biyyattiitti taasifamutti biyyattii hoogganu.
Torban darbe, Pirezidantiin biyyattii Maartin Vizkaaraa himannaa malaammaltummaan walqabatee aangoorraa kaafaman. Maartin Vizkaaraan garuu himannaa irratti ka'u ni balaaleeffatu.
Ta'us, aangoorraa ka'uun isaanii mormii hedduu biyyattii keessa kaase.
Mormii kana keessatti yoo xiqqaate namoonni lama yoo ajjeefaman hedduummoo madaa'an.
Sagalee 60 argachuun kan filaman Sagastiin, miseensa paartii aangoorraa ka'u Vizkaaraa mormeeti. Paartiin tokkichi aangooraa ka'u Vizkaaraa mormes kan isaaniiti.
''Wanti ijoo Peeruun nagaatti deebi'udha,'' jedhan miseensi paarlaamaa Alberto de Belaawunde yeroo Rooyitarsitti dubbatan.
Peeruutti maaltu adeemaa jira?
Obbo Sagastiin Maanu'el Merinoo harkaa aangoo fudhatan. Af - yaa'ii duraanii Kongirasii kan turan Maanu'el Merinoon, yeroo torban tokko gadi ta'uf pirezidantii biyyattii turan.
Kunis erga Vizkaaraan aangoorraa kaafamaniiti. Ta'us, kanneen mootummaa isaaniirratti mormiif bahan irratti tarkaanfii fudhachuun walqabatee namoonni siyaasaa akka aangoorraa ka'an gaafatan.
Mormitoonni kuma hedduu, gara caalu dargaggoota ta'an, aangoorraa ka'uu Vizkaaraa mormuun daandiitti bahaniiru.
Kanneen hiriira bahan kongirasiin fonqolcha raawwate jedhanii himatu. Vizkaaraan, ganna 57, riiformii gaggeessaniin deeggarsa guddaa argataniiru.
Mormiin gaafa Dilbataa Limaatti taasifame naga qabeessa ture. Ta'us galgala keessa kanneen mormiif bahan poolisii waliin walitti bu'ani.

Madda suuraa, Getty Images
Tarkaanfii poolisiin kanneen hiriira bahan irratti raawwate mormuun ministeeronni 12 erga Obbo Merinoon aangotti dhufanii muudaman fedhii ofiin aangoo gadhiisaniiru.
Rakkoon siyaasaa amma biyyattii keessa jiru gara caalutti akka hin ceene sodaatameera. Kunis, diinagdeen biyyattii weerara koronaavaayirasiin waan miidhameefi.
Biyyattiitti namoonni 935,000 vaayirasichaan yoo qabaman, 35,000 kan caalan immoo du'uu ragaan Yunivarsiitii Joons Hopkiins agarsiisa.
Kunis, akka ragaa Yunivarsiitii Joons Hopkinsitti namoota 100,000 biyyoota namoonni hedduu dhukkubichaan du'an keessaa sadaffaa akka taatu taasiseera.













