Tapha Aston Viillaa waliin taphanne irratti Arsenaal garee hin fakkatu ture- Maayikil Arteettaa

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Arsenalaa Maayikil Arteettaan tapha Aston Villaa waliin taasisanii 3 fi 0'n mo'aman irratti itti gaafatamummaa guutuu akka fudhatan himan.
Galchii taphataan AstonViillaa Oolii Watkiinsi lakkoofsise lamaa fi galchii Bukayyoo Saakaa garee isaa irratti lakkoofsise waliin Aston Viillaan sadii fi 0'n taphicha mo'ate.
Arsenaal torban darbe Maanchister Yuunaayitid mo'atee amma Aston Viillaan mo'amuun waan isaan gaddisiisedha.
''Sadarkaa nurraa eegamuun gadi taphanne'' jedhe Arteettaan.
Kun yeroo jalqabaaf akka garee tokkotti osoo hin taphatiin hafuu keenya arge.
''Taphicha haala gaariin hin jalqabne. Gargaarsa VAR'n galchiin jalqabaa haqamee ture. Kubba irrattis garuu gahumsa gaarii hin agarsiisin hafne'' jedhe Artettaan.
''Yeroo carraa argannutti itti fayyadamaa hin turre. Kun waan hamaadha.
Itti gaafatamummaa isaa nan fudhadha. Taphattootni akka gareetti dirreerratti akka taphatan gochuun gahee hojii kooti. Kanaafan as dhaabbadhee jiras'' jedhe.
Arsenaal Arteettaa jalatti bara kana fooyya'eeraa?
Bara dorgommii kana Arsenaal kanaan si'a 3ffaa mo'amuu isaati. Dirree isaa irratti yeroo 2ffaafi.
Kan ammaa kun addatti kan nama naasisu tahuu mala. Garuu ittisa irratti bara kana fooyya'insi mul'ateera.
Arsenaal dirreen ala Liiverpuul, Maanchister Siitii fi Maanchister Yuunaayitid waliin taphatee taphoota torba irratti galchii torba qofa lakkaa'amuun akka rikardii gaariitti lakkaa'ameera.
Haa tahu malee ittisni cimus sarara fuulduraa irra waan jiru gatii isaan kaffalsiisaa jira. Erga bara 1998-99 as Arsenaal taphoota saddet irratti bara kana galchiiwwan sagal qofa lakkoofsisuun rikardii isa gadi aanaadha.
Piyeeree Emirik Obaamiyaang bara darbe taphoota saddet irratti galchii torba lakkoofsisee ture. Bara dorgommii haaraa kanatti ammoo taphoota saddet irratti galchii lama qofa lakkoofsise.
Aston Viillaa irratti yaalii kallattii isaa eeggate tokko illee osoo hin taasisiin hafan. Arteettaan amma daawwitii keessatti tokkoon tokkoon keenya of ilaaluu qabna. Isa kaanitti quba qabuu irra jedheera.
Piriimer Liigii Ingiliz bara kanaa Lester Siitiin qabxii 18'n yoo dursu Tootenahaam qabxii 17'n sadrkaa 2ffaa irra jira.
Maayikil Arteettaan leenjisaa duraanii Arsenaal bakka bu'uun ture leenjisaa Arsenaal kan tahe.













