Dargaggeessi waldaa Kiristaanaa seena-qabeeyyii gube hidhaa waggaa 25niin adabame

Maxxanfame

Dargaggeessii adiin ganna 23 Holden Maatiw jedhamu waldaa Kiristaanaa warra gur'aachotaa seena qabeeyyii ta'an sadii Ameerikaa kutaa Luuziyaanaatti bara dabe gube hidhaa waggaa 25 adabame.

Akaakuu muuziqaa Heevii Meetaal jedhamuun kan beekamu Holden Maatiw, hidhaa waggaa 25 itti murtaa'e malee, beenyaa doolara Ameerikaa miliyoona 2.7 akka kaffalus itti murameera.

Waldaa Kiristaanaa kanneen kan gubeef muuziqaa jaallatu kana keessatti kabaja qabu guddifachuuf akka ta'e dubbata Holden Maatiw.

Abbaan seeraa haleellaan kun jibba sanyummaarra kan maddee akka hin taaane ibsuun, haata'u malee "seenaa keessattti bara dukkanaa" sana nama yaadachiiseera jedhe.

Leellistoonni olaantummaa warra adii bara guraachoonni Ameerikaa haqa argachuuf qabsoo gaggeessaa turanitti, waldaa kiristaana warra gurraachaa gubaa turan.

Waldaaleen Kirstaanaa Holden Maatiw gube sadan; Waldaalee Opilayousasitti argaman lamaa fi Poorti Barii iddoo jedhamutti argamu tokkodha..

Dargageessi kun waldaalee lama gube suuraafi viidiyoos waraabee toora Feesbuukiirratti maxxansuullee amaneera.

Ibiddaa inni qabsiise gamoowwan sadii kan barbadeesse ta'ullee, yeroo inni gubu sun halkan keessa waan tureef namoonni keessa waan hin turreef waliin hin gubatiin hafan.

Maatiw gocha kana raawwachuu jalqaba bara kanaatti amannaan, abbaan seeraa jibbaarra ka’ee gochaa kana hin dalagne jedhee yakka gama jibbinsa sanyiirraa bilisa gochuun gamoowwan mana amantaa kanaa ta'e jedhee gubuusaatiin garuu baleessa irratti mure.

Maatiw wayita waldaalee Kiristaanaa warra gur'aa gubu sana miseensaa baandii muuziqaa Vodka Vultures jedhamu ture.

Maatiw yeroo gocha kana raawwachuu amane, bara 1990 keessa Noorweyitti jaalattoonni muuziqaa "black metal" waldaa wayita guban akkeessuufiin kana raawwadhe jedheera.

Noorweeyitti bara sana waldaalee kirstaanaa 50 maqaa "black metal’’ jedhuun haleellaan irraa qaqqabee ture.

Abbaan alangaa Ameerikaa Aleksaandar Vaan Huuk, namoota akka Maatiwitti badii qaqqabsisaniif adabbiin kun dhaamsa dabarsu ni qaba jedhaniiru.