Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa ‘shororkeessummaa’ Viyeenaan lubbuun namaa darbe
Namootni meeshaa waraanaa hidhatan magaalaa Viyeenaa keessatti bakka adda addaa ja’atti dhukaasa banuun namoota sadi ajjeesanii hedduu madeessuu isaanii poolisiin himeera.
Hogganaan Ostiriyaa Sebasishiyaan Kuurzi haaleella kana “haaleellaa shororkeessummaa balaafamaadha” jechuun hidhattoota keessa tokko ajjeefamuu isaa ibsaniiru.
Poolisiin yoo xiqqaate hidhataa tokko kan hanga ammatti hin qabamne adamsaa akka jiran ministeerri biyya keessaa ibseera.
Haleellaan kun naannoo mana amantaa Jiwishii giddugaleessa Viyeenaatti kan raawwate yoo ta’u xiyyeefannoosaa garuu hin ibsine.
Namni tokko bakka dhuukasi itti banametti lubbuun isaa kan darbe yoo ta’u, dubartiin tokko ammoo erga hospitaala geessee lubbuun ishee darbuu, bulchaan magaalichaa Maaykel Ludwiig dubbataniiru.
Namootni 14 ta’an madaa’anii hospitaala kan jiran yoo ta’u ja’a ammoo haala yaaddeessa keessa jiru.
Qoondaalli poolisii namoota madaa’an keessaa tokko ta’uus ibsaniiru.
Haleellaan kun kan uumame Ostiriyaan qajeefama dhorkii haaraa koronaavayirasii hir’isuuf baaste hojirra olchuu isheen sa’aatii muraasa dura.
Namootni hedduun mana nyaataa fi dhugaatii keessa kan turan yoo ta’u amma akka qajeelfama haaraa kanaatti hanga dhuma Sadaasaatti cufamee tura.
Haleellaan kun galgala naannoo sa’aatii 2:00tti yemmuu mana amantaa Jiwishii ‘Seitenstettengasse’ cinatti kan eegaletti manni amantichii cufaa akka ture hogganaan hawaasa Jiwishii Oskaar Dewuch Tiwiitara gubbaatti barreessaniiru.
Namoota miidhaman keessa tokko poolisii mana amaticha eegaa ture ta’uu gazeexaan Kronen Zeitung gabaaseera.
Miidiyaan biyyatti ministeera biyyaa keessaa eeruun namoota haleella kana raawwatan keessa tokko to’annoo jala oolu isaa gabaasaniiru.
Viidiyoon miidiyaa hawaassummaa irratti maxxanfame yeroo dhukaasni dhaga’ameetti namootni yemmuu daandirra fiigaa baqatan mul’isa.
Poolisiin biyyaa olla Cheek Rippaapliik soda hidhattoonni hin qabamniin gara sanatti adeemaa jiru jedhuun daangaa Ostiriyaa irratti imaltoota sakkata’uu eegalteetti.
Hoggantoonni biyyootii Awuroppaa hedduu haleellaa kana cimsanii balaaleeffataniiru. Ministirri Muummee Biriteen Booris Joonsan “haleellaa kanaan hedduu rifadhee” jechuun ibsaniiru.