Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Torban farrisaa Afgaanistaan keessa warri darban hameenya waraana biyyattii dhugaa bahu
Huseen Haayidaar ilma wasiilaa/abbeeraa haadha warraasaa, Latiif Sarwaariin, arguuf sa’aatii sadii itti fudhate. Garuu namoota baayyee lubbuun darbe keessatti isa arge.
Latiif dargaggeessa ganna 20 fi barataa kutaa 12ffaa ture. Akkuma hiriyyootasaa hedduu qormaata seensa yunvarsiitiif of qopheessuuf ture ji’oota sadii dura gara Kaabuul kan imale Doktora ta’uu ture hawwiinsaa.
Guyyaa sambataa Latiif akkuma wirtuu barnootaasaatii baheen haleellaa boombii namoota 25 ajjeesseen lubbuusaa kan dhabe.
Maatiinsaa bilbilaan isa argachuu waan hin dandeenyeef Huseen qaamaan garasaa imale. “Reeffasaa gara baadiyyaa inni hawwiisaa dhugoomsuuf keessaa bahetti deebisuuf taana. Haadhaafi abbaasaatiin maal jenna?”
Guyyaa Wiixataa miseensi maatii oduu gaddaasaanitti hime. BBC’n turtiin torbee tokkoo Afgaanistaan maal fakkaata jedhee duubatti deebi’ee ilaaleera, isaan du’aniifi lubbuun hafan.
Dilbata, Onkololeessa 18
Raaziyaa, obboleettiinshee Marziiyaa fi obboleessishee Nayeeb rakkina dhagahuu qabu. Isaan sadanuu mana barnootaa warra rakkina dhageettii qabanitti baratu.
Jarri kun gaafa Onkololeessa 18 gamoon alatti sagalee dhukaasaa dhagahan.
“Jireenya kiyya keessatti yeroo jalqabaaf waa dhagahe,” jetti ganna 16 kan taate Raaziyaan.
“Baay’ee sagalee ulfaataa ture. Gurri kiyya waa hin dhagahu ta’us garuu sagaleen jabaa tokko gara gurra kiyyaatti dhufe.”
Haleellaa kanaanis yoo xiqqaate namoonni 16 kan du’an yoo ta’u, 150 ol madaa’aniiru.
“Yeroo murtaa’eef waan du’en se’ee ture,” jetti. “Aniifi obboleettiin tiyya deemaa turre, obboleessi kiyya waan du’e se’een ture. Galata Rabbii lachuu lubbuun hafaniiru.”
Marziyaa, 18, dhukaasicha anillee dhagaheera jetti. “Yeroo duraaf sagaleen dhagahe. Baay’ee dhagahama, sagalee gaarii hin taanen dhagahe.”
Torbee tokko booda Marziyaan sagaleen dhageette sun naasuun hirribaa waan sihee kaasuuf gara harmeeshee deemti. Manaa bahuu sodaatti.
Obboleewwan sadan namoota carraa qabeeyyii ta’anii lubbuun hafaniidha.
Wiixata, Onkololeessa 19
Khoost keessatti doqdoqqeen dhukaasa qabatee ture sirna gaa’ilaarratti dhuka’uun lubbuu namoota afur yoo dabarsu, namoota 10 biroo ammoo madeesseera.
Bulchiinsa Uruzgaan keessatti poolisoonni lama haleellaa Taalibaaniin ajjeefamaniiru, afur biroo madaa’aniiru.
Kiibxata, Onkololeessa 20
Haleellaa bulchiinsa Nimruuzitti dhaqqabeen loltoonni shan ajjeefamaniiru, lama ammoo madaa’aniiru. Namoota du’aan keessaa qondaalli poolisii keessatti argamu.
Ilmisaa Beenyaamiin yeroo guddatu Taalibaan irratti gadoosaa akka bahu TV irratti dubbateera.
Guyyama sanitti bulchiinsa Wardaak keessatti haleellaa boombiin yoo xiqqaate namoonni 11 ajjeefamaniiru.
Roobii, Onkololeessa 21
Roobii ganama Taalibaan bulchiinsa kaaba baha Takhaaritti kaampii waraanaa haleeluun miseensota poolisii 30 ol ajjeeseera.
Qondaalli poolisii naannichaa Koloneel Abdullaa Gaard ilmasaanii ganna 25, Fariid haleellaa kanaan dhabaniiru.
“Inni hin duune, ilmi kiyya ammallee lubbuun jira,” jechuun Koloneel Gaard BBC’tti himaniiru.
“Isa hin dhagannu. Onnee keenya keessaa hin bahu.”
Fariidis akkuma abbaasaa poolisii ture.
Roobii galgala haleellaa Taalibaan barattoota Qura’aan baratan irratti haleellaa raawwateen ijoolleen dhiira 12 yoo du’an, 18 biroo madaa’aniiru. Barsiisaansaanii Abdul Waaliis haleellaa kanaan du’aniiru.
Abbaan Abdul Razaaq jedhan haleellaa kanaan ijoolleesaanii lama dhabuusaanii BBC’tti himaniiru.
Guyyama san bulchiinsa Naangarhaar keessatti dubartoota 11 dabalatee namoonni 15 osoo viizaa gara Paakistaan isaan imalchiisuu danda’u fudhachuuf ta’an wal dhiibuunsaaniitii du’aniiru.
Ganama guyyaa sanitti maanguddoon ganna 60 Nayi’aaz Mahaammad hojiisaanii dabaree galgalaa erga xumurun booda yeroo manatti galan haadha warraasaanii manatti hin argine.
Haati warraasaanii ganna 55 Biibii Ziwaar, viizaa argachuun halkan sa’aatii 8’tti ture kan gara qoonsilaa Paakistaan deeman.
Isaanis balaa konkolaataan isaan mudatee lubbuunsaanii kan dhaban.
Aadde Biibiin haadha ijoollee 11 turan. Muraasnisaanii daangaa Paakistaan jiraatu.
“Ijoollee ijoolleeshee baay’ee yaaddee turte,” jechuun abbaan warraasaanii BBC’tti himaniru. “Ishee arguuf isaan dhufuu waan hin dandeenyeef, fagoorraa isaan yaaduu hin dandeenye ture.”
Kiibxata, Onkololeessa 22
Badghisitti obboleewwan lamaan boombiidhaan ajjeefamaniiru. Isaan keessaa tokko barataa yuunivarsiitii ture jedhaniiru qondaaltonni naannichaa.
Kaaba Faryaabitti namoonni afur yoo ajjeefaman, 14 ammoo madaa’aniiru – qondaaltonni Taalibaanitu haleellaa raawwate jedhaniiru.
Jimaata, Onkololeessa 23
Kibba lixa bulchiinsa Nimruuz keessatti haleellaa Taalibaan raawwateen yoo xiqqaate loltoonni 20 ajjeefamaniiru. Hedduunsaanii baay’een yoo madaa’an, jaha biroo ammoo butamaniiru.
Sambata, Onkololeessa 24
Wirtuu barnootaa Kawsar-e Danish itti haleellaa raawwateen 25 yoo dua’n, 60 madaa’aniiru. Wirtuun kunis wirtuu Latiif itti ajeeffameedha.
Taabish, 17, namoota haleellaa na jalaa lubbun hafan keessaa isa tokko. Innis leenjii kubbaa miilaaf jedheeti kan dafee mooraa wirtichaa keessaa kan bahe.
“Yeroo dhukaasichi raawwatamu dhuma karaarra ture.
Hiriyyaan baay’ee jaaladhu fi cimaa ta’e Mirwaayis Kariimii ajjeefameera. Kutaa keessatti natti aanee ture kan taa’u, kana booda nu waliin jiraachuu dhabuusaa hin amanu,” jedha Taabish.
Taalibaan haleellaa kana hin raawwanne kan jedhe yoo ta’u, gareen IS itti gaafatamummaa fudhateera.
Torbee darbe qofatti bulchiinsota 20 olitti namoonni lubbuusaanii dhabaniiru. Lakkoofsi namoota miidhamanii kan mootummaan jedhuu fi dhugaa mirkaneessuuf ni ulfaata.
Miidhama Taalibaan irra gahe tilmaamuun immoo hundaa caalaa ulfaataadha.
UN ji’oota jalqabaa bara 2020’tti lammiileen nagaa 2,117 du’uusaanii fi 3,822 ol madaa’uusaanii ibseera.