Morokoon Nezerlaandis mo'atte, Jarman ni kufte

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Morookoon tapha ajaa'ibaan Nezerlaandis mo'attee gara 16tti darbite.

Tapha mo'atanii darbuu Waancaa Addunyaa gaggeeffameen waancaaf eegamaa kan turte Nezerlaandis biyya Afrikaa irraa bara 2022 seenaa hojjetteen mo'amtee keessaa baate.

Morookoon taphaan Nezerlaandis irratti caalmaa guddaa fudhatte. 70% Morookootu caalee taphate.

Garuu kubba gara galchiitti yaalan karra eegaan Nezerlaandis oolche carraa goolii tahuu guddaa qaba ture.

Al takkaa ammoo pooliitu deebise. Gaakpoon Nezerlaandisiif galchii lakkoofsisuun dursaa turan.

Hanga daqiiqaa dhumaatti falmataa kan turan Morookoon galchii daqiiqaa gara dhumaatti lakkoofsisaniin wal qixxaatan.

Taphichis gara sa'a dabalataatti cehuun wal mo'achuu waan hin dandeenyeef rukuttaa peenaaliitiin Morookoon mo'attee darbite.

Nezerlaandis rukuttaa peenaaliitii rukutan keessaa sadii dhaban. Taphataan sarara duraa Morookoo Saayibaarii jedhamuu fi gahumsa guddaa Waancaa Addunyaa kana irratti agarsiise galchii injifannoo lakkoofsise.

Leenjisaan Nezerlaandis taphota 32 booda yeroo jalqabaaf ittisa shaniin taphate.

Nezerlaandis Waancaa Addunyaa irratti yeroo dhiyootti rukuttaa peenaaliitiin kufaa turte.

Morookoon tapha itti aanu qopheesituu waancichaa keessaa tokko kan taate Kanaadaa waliin morkatu.

Taphichi humnaan kan guutame ture. Ittisni Nezerlaandis Saayibaarii dhabauuf dhama'aa turan. Gama biraa ammoo Biriyaan Birooberii dhaabuuf ifaajaa turan.

Gareen lameenuu carraa injifachuu argataniiru. Ashraaf Hakiimii carraa galchii guddaa argatee karra eegaan jalaa deebise. Miikii Van de Viin akkasuma yaalee xiqqumaaf galchii osoo hin lakkoofsiisin hafe.

Boqonnaan booda yaalii Hakiimiin taasise poolii galchiitu deebise. Deebisanii jifachuun Gaakpoon galchii lakkoofsise.

Diyoop ammoo daqiiqaa dhumaarra yeroo Nezerlaandis mo'ataniiru jedhametti galchii lakkoofsise.

Sana booda karra eegaan Nezerlaandis kubba galchii tahu oolchuudhaan dorgommii kana irratti isa guddaa taha jedhamuun yaadamu Suufiyaan Raahimii jalaa oolche.

Saayibaariin galchi injifannoo lakkoofsisee Morookoon seena ahojjechuu itti fufte. Waancaa Addunyaa bara 2022 irratti Afrikaa irraa biyya yeroo jalqabaa walakkaa xumuraa geesse kan taate Morookoon amma 16 keessa galteetti.

Tapha itti aanu ammoo Kanaadaa waliin qabdi. Gahumsa wla fakkaatu yoo agarsiifte carraa injifachuun gara saddetiitti darbuu qabdi.

Waggaa afur dura Morookoon Ispeenii fi Poorchugaal mo'achuun ture kan darbite.

Dhuma irratti garuu xumura waancaaf kan geesse Faransaayiin mo'amte.

Sadarkaa FIFA bara 2026 akka addunyaatti baaseen Morookoon sadarkaa shanaffaa galte.

Taphattoota akka Ashraaf Hakiimii, Saayibaarii fi Biraahim Diyaaz fa'aa kan qabdu Morookoon akka addunyaatti biyyoota sodaataman keessaa tokko taateetti.

Ayyuub Baayudoo taphattoota ol adeemoo gatii qaaliin barbaadamaa jiran keessaati.

Leenjisaan Morookoo Mohaammad Oohibii garee kana leenjisuu erga jalqabee ji'oota afur qofatu darbe.

Garee umurii 20 gadii bara darbe Waancaa Addunyaa irratti injifannoon waan dhaqabsiiseef gahumsi leenjisaan kun qabu dabalaa akka deeme injifannoo Morookoo irraa baruun danda'ama.

Jarman Paraguwaayiin mo'amtee dorgommicha keessaa baate. Jarman dhiyeenya Waancaa Addunyaa irratti gahumsa dur ittiin beekamtu agarsiisaa hin jirtu.

Jarman taphicha 75% caaltee taphatte. Garuu ittisaa fi cichoomina taphattoonni Paraguwaay agarsiisa cabsitee darbuu hin dandeenye.

Haavert Jarmaniif taphataan duraanii Biraayitan Ensisiyoon ammoo Paaraguwayiif lakkoofsisuun wal qixxaatan.

Haa tahu malee erga rukuttaa peenaaliitii gahanii Haavert, Joonatan Taah fi Niik Wooltimood osoo hin galchiin hafan.

Paraaguwaay carraa kanatti fayyadamuun rukuttaa peenaaliitii lama dhabanis kaan lakkoofsisuun injifatanii gara 16tti makaman.

Leenjisaan Jarman Juuliyaan Naayijalsimaan Paraguwaayiin mo'amnee sadarkaa kanatti kufne jechuun gareen keenya sadarkaa olaanaatti kan ilaalamu akka hin taane nutti agarsiisa jedhe.

Biraazil Jaappaniin 2-1'n mo'attee darbite. Afrikaa irraa Afrikaan Kibbaa yoo kuftu Ayivooriikost ammoo Noorweey waliin morkatti.

Taphni Ingilaandii fi DR Koongoo akkasuma kan eegamu taha. Keep Verdeen shaampiyoonaa bara 2022 Arjentiinaa, Masirii v Awustiraaliyaa, Senegaal v Beeljiyeem taphoota eegamanidha.

Gaanaan ammoo Kolombiyaa morkatti.