Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koroonaavaayiras: Beeljiyemitti hakiimoonni Covid-19n qabaman hojii akka itti fufan gaafataman
Ogeessoti fayyaa Beljiyeem magaalaa Liij lakkoofsi dabalaa waan dhufeef koronaavayirasiin yoo qabamanis hojii akka itti fufaniif gaafataman.
Ogeessotti fayyaa harka sadii achii jiran sababa Covid-19n qabamaniif hojiirra hin jirani.
Amma hospitaalonni 10 hojjattonni isaanii fayyaa isaani koronaavaayirasiin qabamanii garuu mallattoo dhukkubichaa hinqabne hojii akka itti fufan gaafataniiru.
Guyyaa muraasa keessatti tajaajilli hospitaalaa addaan cituu isaarra hojiitti deebi’uu malee, filannoo akka hin qabne hogganaan Waldaa Ogeessota Fayyaa Beljiyeem BBCtti himaniiru.
Dr Filippee Devoos carraan vaayirasichaa gara dhukkubsatootaatti dabarsuu akka jiru ni hubatu.
Magaalaa kana keessatti namoota sadii koronaavayirasiif qorataman keessaa tokko vaayirasiichi irratti ni argama.
Hospitaalonni dhukkubasattoota gara hospiitaala biraatti dabarsaa fi wal’aansa baqaqsanii hodhuu hatattamaa hin taanee hambisaa jiru.
Kunis kan taasifamuu eegale erga Ministirri fayyaa biyyatti Firaank Vandenbirok, tatamsa’inni vaayirasichaa biyyattiitti ‘akka lolaatti’ baayyachaa jiraachuu fi “kana booda waanta uumamaa jiru” anga’oonni to’achuu hin danda’ani jedhaniiti.
Manneen ispoortii fi bishaan daakaa magaalaa gudditti Biraasilsi keessatti cufamanii kan jiran yoo ta’u, maneen daldalaa ammoo galgala saatii lamatti cufamuu qabu.
Bakkeetti ammo maaskii uuffachuun dirqamadha. Qajeelfamootni kun hanga Sadaasa 19tti hojiirra ooluu itti fufu.
Murteen kun kan dhufe yeroo mootummoonni biyyootii Awuroppaa tatamsa’ina vaayirasichaa akka haaraatti dhufe to’achuuf yaalanittidha.
Ibsa miidiyaaleef Wiixata kennan irratti qondaaltoonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) tatamsa’ina haaraa kana loluuf aardiicha guutuu irratti imala dhorkuu, ajaja mana turuu baasuufi, sochii guutummaatti ugguruun barbaachisaa ta’u mala jechuun yaada dhiyeessaniiru.
“Amma Awurooppaa keessatti vaayirasichi nu dursaa jira, bira darbiif wanta goonu irratti ariitii dabaluun nu barbaachisa,” jechuun WHO’tti hogganaan yaalii hatattammaa Dr Maayik Raayan akeekkachiisaniiru.
Xaaliyaan kan Bitootessa keessa hedduu vaayirasichaan rakkachaa ture, amma lakkoofsa dhibamtootaa hir’isuuf manneen ispoortii, tiyaatiroota fi bakkeen bishaan daakaa dhorkiteetti.
Dilbata darbe kana qofa biyyattii keessatti namootni haaraan 21,200 vaayirasichaan qabamaniiru.
Mootummaan Xaaliyaan lakkoofsi dabalaa dhufuun isaa tajaajilaa fayyaa irratti dhiibbaa uumaa akka jiru akeekkachiisuus, Ministirri Muummee Juseeppe Kontee garuu guutummatti sochii dhaabuun garuu dinaagdee biyyattiif balaadha jedhaniiru.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras