Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Meeksikootti dubartiin abbaan warraashee Covid-19n obba'e, bakkasaa bu'uun kantiibaa taate
Meeksikoo kutaa biyyaa Sinaalowaatti kantiibaan magaalaa koroonaavaayirasiin qabamuun lubbuu erga dhabanii booda, haati warraasaanii bakka bu'uun akka tajaajiltuuf filatamte.
Piyer Angilii Kaamaachoo, haga filannoo dhufuutti, abbaa warraasaanii bakka bu'uun kantiibaa tahu.
Manni maree Bulchiinsa Sinaalowaa, dubartii kanaaf sagalee caalmaa kennuun dabarsuun isaa gabaafameera.
Abbaan warraashee kantiibaa ture, namni ganna 46 Kaarloo Maariyoo Ortiz, ijoollummaasaaniitti yaalii bakka buusuu kalee kan taasisan yogguu tahu, warreen vaayirasichaaf saaxilamoodha jedhama keessaa turan.
Torban dabarsine keessa lubbuu dhaban.
Kaarloo Maariyoo lubbuun isaanii darbuu dura, marroo lammaffaaf filmaata irra aananii, Kutaa biyyaa Sinaalowaatti bulchiinsa magaalaa Saalvaador Alvaaraadoo jedhamtu kantiibaa tahuun tajaajilaa turan.
Galmee lakkoofsa uummataa ganna lamaan dura godhameen, bulchiinsi kun baayyina uummataa 80,000 qabdi turte.
Abbaa warraasaanii lubbuu dhaban bakka kan bu'an Piyer Angilii Kaamaachoo gannisaanii 40 oggaa tahu, Meeksikoo keessatti waajira mootummaa nageenya hawaasummaa keessatti hojjetaa turte.
Aadde Kaamaachoo, haga filmaatni mana qopheessaa Onkololeessa bara 2021tti gaggeeffamutti aangoo kana qabattee turti.
Iddoo abbaa warraashee bu'uun tajaajiluuf filatamuusheetti kabajaan akka itti dhagahamu dubbatteetti.
Weerarri koroonaavaayiras erga eegalee biyyoota haalaan miidhaman keessaa ka taate biyya Meeksikootti, haga ammaa namoonni 847,000 ol vaayirasichaan qabamaniiru. Kanneen 86,000 ol tahan ammoo obba'aniiru.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras