Dhukkeen Chaayinaarraa bubbisu ‘Covid-19 fida’ jette Koriyaan Kaabaa

Maxxanfame

Kooriyaan Kaabaa awwaarri Chaayinaarraa garashiitti bubbisu’’yellow dust’ ykn dhukkee keelloo jedhaniinii waaman, Covid-19 namatti fidaa, manaa hin bahiinaa jettee lammileeshii akeekkachiifte.

Dhukkeen keelloo jedhamu kun gammoojjii Chaayinaa fi Mongoliyaarraa gara biyyoota Kooriyaa Kaabaa fi Kibbaatti waqtii muraasaaf bubbisa.

Biyyoota Kooriyaa lamaanittuu dhukkeen kun fayya namaa jeeqa jedhamee yaaddoo uumaa ture.

Kooriyaan Kaabaa koronaa dhukkeen kun koronaavaayirasiif akka nama saaxilu himuun namoonni akka mana turan akeekkachisa baaftee.

Akeekkachisa kana booda daandiwwaan magaalaa guddoo biyyattii Piyoonyaang Kamisaarraa qabee duwwaa ta’utu gabaafame.

Biyya iccitiiin ishee hedduu hin baramne kun kanaan duras koronaavaayirasiirraa bilisa akka taate labsataa turte, xiinxaltoonni garuu fudhama dhabsiisuu.

Ta’us biyyattiin ji’a Amajjjii jalqaba bara kanaarra qabdee daangaa cufachuun sochii namootallee daangessiteetti.

Dhugaan jirtu garuu dumeessa dhukkeen/awwaarri uumuu fi Covid-19 gidduu hariiroon hin jiru,waanti walitti fidu hin jiru.

Haa ta’u malee, biyyattii qofaas miti walitti dhufeenyi gidduusaanii jiraachuu akka danda’u yaada kan dhiyeessaa jiru. Turkimenistaanittis dhukkeetu vaayirasii fida jedhamee waan yaadamuu,namoonni akka maaskii haguuggatan itti himamuusaa BBC’n mirkaneeffateera. Kunis weerara vaayirasichaa dhoksuufi.

Miidiyaan Kooriyaa Kaaaba (KCTV)irratti lammileen biyyattii hojiiwwan ijaarsaa irratti bobba’an alattii bahanii akka hin hojjanne akeekkachiifamaniiru.

Gaazexaan mootummaa biyyattiif afaan ta’ee tajaajilu Rodong Sinmun, duumessii dhukkeen kun uumu akka weerara vaayirasii hamaa fidu hubachuu qabdu jedhee Kamisa hojjattoota hunda akeekkachise.

Kana malees, imbaasiin Raashiyaa Piyoongyaang jiru toora feesbuukiisaarratti akka barreessetti, Ministeerri dhimma alaa biyyatti dippiloomatoota biyyoota alaa akka manasaanii turan akeekkachisan jedhe.

Dhukkeen Covid-19 fidaa?

Giddugaleessi to’annoo dhibee Ameerikaa akka himeetti,koronaavaayirasiin ‘’turtii sa’aatiin lakka’amuuf qilleensa keessa turuu danda’a’’jedhe.

Namni ala turuudhaan carraan vaayirasichaan qabamuu xiqqaa dha jedhe. Miidiyaan biyyaalessaa Kooriyaa Kaabaa garuu dhukkeen ‘yellow dust’ qilleensaan gara biyyattii seenuun vaayirasicha hidhatti akka hidhata qabutti gabaase.

Giddugaleessi to’annoo dhibeewwanii Ameerikaa garuu, sababni ijoon namoonni vaayirasichaan qabamuu danda’aniif nama vaayirasichan qabamee qufa’u, axxifatuu fi haasa’utti dhiyaachuun carraa vaayirasichaan qabamuf akka nama saaxilu hime.

Miidiyaaleen Kooriyaa Kibbaas dhukkeen ‘yellow dust’ koronaavaayirasiif namatti dabarsa yaada jedhu fudhatama dhabsiisaniiiru.