Waggaa 43 booda paartiin mormituu filannoo pireezidantummaa Sisheelsi injifate

Madda suuraa, Getty Images
Siisheelsi keessatti erga 1977 yeroo jalqabaaf paartiin mormituu filannoo pirezdaantummaa injifachuun aangoo fudhateera.
Luba Angelikaan kan ta’an Wavel Rankalawab sagalee %54.9 argachuun pireezidaantii biyyatti sagalee %43.5 argatan injifatachuu bu’aan filannoo ba’e agarsiiseera.
Deeggartoonni Ramkalawan injifannoo kana magaalaa gudditti Viiktooriyaa keessatti kabajaa turani.
Ramkalawan kana dura si’a ja’a filannoo pireezdaantummaaf dorgomee hin milkaa’iin hafee ture.
Oddolii Garba Indiyaan irra jiruu fi kolonii Biritish jala ture kun bara 1976 ture kan walabummaa isaa argate.
Paartiin Fawuree Yunited Paartii jedhamu wagga booda fonqolchaan kan qabate yoo ta’u filannoo dimokraatwaa paartilee heddu bara 1993tti eegale booda ammo pireezdaantummaa qabateera.
Injifannoo isaa booda haasaa taasiseen Ramkalawan “anaa fi Fawuree hiriyyoota gaariidha. Filannoon ammoo bu’aa biyyaa ofiif buusnu ni dhaabbata jechuu miti,” jedheera.
“Filannoo kana keessatti injifataa fi injifatamaan hin jiru – biyyi keenya injifattuu ishee dursituudha.”
Yeroo haasaa kanaatti Fawuriinis isa bira waan tureef yaadichaan akka walii galu ibseera jechuun Reuters gabaaseera.
Pireezdaantiin haaraa kun har’a Wiixata aangoo isaatti ni muudama.

Madda suuraa, Reuters

Jijjiirama barbaacha
Xiinxala gaazexeessaa Patrick Muirhead, Siishels irraa
Bu'aan filannoo kanaa, odola tasgabbooftuu kanatti akka kirkira lafaa siyaasaatti uumamedha.
Deeggartoonni Ramkalawan haalaan gammadan, daandiiwwan magaalaa guddoo biyyattii Viktooriyaatti bahuun, gammachuu isaanii ibsachaa turan. Deeggartoonni nama kanaa 'Abbaa' ykn 'Father' jedhanii yaamuun.
Namni kun filmaataan pireezidantii tahuuf oggaa yaalan kun marroo torbaffaadha.
Waggaa afur dura aangoo kan fudhatan Faure'n, paartiin isaanii duraan biyyaa bulchaa ture kan ajjeechaa, dararaa fi malaammaltummaan komatamaa tureera. Yogguus Siishels biyya paartii tokkoo jalatti bultu turte.
Aangoon paartichi ganna 43n dura fonqolcha mootummaan qabate, uummata jijjiirama barbaaduun sagalee dhorkameera. Pireezidantiin haaraas guyyaa Wiixataa waadaa seenuun aangoo fudhata.

Madda suuraa, Reuters













