Imala baatii sadiin booda reeffi namoota torbaa koonteenara keessatti argame

Madda suuraa, Reuters
Paaraaguwaaytti reeffii namoota godaantota hingalmoofne ta'u jedhamanii torbaa, koontanara xaa’oo fe’ee ture keessatti argamuu isaa aanga’oonni himaniiru.
Koontanarrichis Sarbiyaa irraa kan ka'ee Adoleessa 21 ture jedhame.
Koonatarri kun Masrii, Ispeen fi Argatinaa keessa darbee Paaraaguwaay ga’uun dura, Kolishiyaa keessa darbee ture, bakki ga’umsi dhuma godaantota kanaas achi ture jedhame yaadama.
Namoota du'an kunneen keessa sadii Morokoo irraa, tokko ammo Masrii irraa ta’uu saanii ogeessi fayyaa reeffarratti qorannoo gaggeessan Paabloo Lemiir himaniiru.
Reeffi namoota kunneenis kan argaman hojjattoota dhabbata qonnaa magaalaa gudditti Paaraaguwaay, Asunkiyoon keessa jiraaniin.
Du'a jara kanaatiifis 'Asphyxiation' madda ta'u hinolleen kan jedhan Dr Leemir, hundisaanituu dhiirota jedhameera.
Xaa'oon konteenara keessa ture ammoo qaamni namoota kanneen dafee akka bosbosuuf taasisuu hinoollee jedhame.
Koonteenaricha keessatti nyaata dabalatee kaardiin bilbilaa fi nagaheen taaksii Sarbiyaa argameera.

Madda suuraa, Reuters
“Biyya isaanirra ka’anii gara biyya dhiyoo jirutti imaluuf kan karoorfatan nutti fakkaata. Garuu imalichi hagam akka dheeratu sirritti waan hin tilmaamneef lubbuun ooluu hin dandeenye,” jechuun abbaan alangaa Marseeloo Saldivaar Reuters’tti himaniiru.
Nyaatni isaan galaafatanii ture kan akka biskutii, nyaata samsamefi bishaan saamsamee kana saatii 72 qofaaf isaan ga’u ture jedhu.
“Reeffi namoota hundaatu bososeera. Amma kan jiruu lafee fi rifeensa qofadha.” Jedhan.
Eenyumma namoota kanneenii adda baasuuf yaaliin qorannoon gaggeefamaa jira jedhameera.












