Afgaanistaanitti haleellaa xiyyaaraatiin namoonni nagaa 12 ol ajjeeffaman

Maxxanfame

Haleellaa xiyyaaraa kaaba Afgaanistaan mana barnootaa amantii bulchiinsa Takahara jedhamutti argamurra qaqqabe namoonni 12 ol ajjeefamuu qondaaltonni naannichaa himan.

Haleellaa xiyyaaraa madarasaa mandara Hazara Qurluq jedhamutti qaqqabeen ijoolleen 11 fi namni isaan wajjiin sirna kadhannaarra ture tokko ajjeefameera jedhan qondaaltonni kun.

Humnoonni nageenyaa 30 guutan haleellaa hidhattootni Taaliban kutaa bulchinsaa kanatti qaqqabsiisaniin ajjeefamuu hordofee haleellichi gaheera.

Jiraattoonni naannichaa akka himaniitti namoonni 14 biroonis mada’aaniiru- imaaamni tokko namoota mada’aanii hospitaala geeffaman keessa ture.

Namoota madaa’an keessaa tokko kan ture Abdul Awwal, battala haleellaan xiyyaaraa qaqqabetti ijoolleen wajjiin masjiida keessa akka turan hime.

Torban muraasaan asitti lolli Taalibanii fi mootummaa giddutti hammaachuun marii nageenya gidduutti qabametti yaaddoo ta’eera.

Hakiimoonni iddoo haleellaan kun qaqqabetti dhiyoo turan harkii caalaan namoota miidhamanii ijoollee ta’u himan.

Qondaalli mootummaan Afgaanistaan gabaasichi dhara, garuu dhimma namoota nagaa madaa’uu gartuu qoratu hundeessineerra jedhe.

Torban kana keessa qofa namoonni 40,000'tti tilmaamaman Kibba bulchiinsa Heelmaanditti walwaraansa sodaatanii qe’eesaaniirraa baqataniiru.

Kana malees, barana qofa namoonni 220,000 qe’eesaaaniirra sababii walwaraansaatiin yoo buqqa’an, lakkoofsi namoota bara 2012 asitti buqqanii miliyoona 4.1 qaqqabeera.