Afgaanistaanitti namoonni viizaa argachuuf waldhiibuusaaniitiin dubartoonni 11 du’an

Maxxanfame

Afgaanistaanitti namoonni viizaa argachuuf isteediyeemitti walitti qabamanii turan yoo xiqqaate dubartoonni 11 yoo du’an, isaan kaan ammoo madaa’aniiru jedhan qondaaltonni biyyattii.

Taateen kunis erga “namoonni kumaatamaan laakka’aman” hayyama gara Paakistaan ittiin imaluu danda’an argachuuf walitti qabamanitti jedhaniiru dubbi himaan naannichaa.

Adeemsi viizaa argachuu kunis bakka duraan itti kennamu magaalaa Jaalalabaaditti osoo hin taanee gara isteediyeemii ispoortiitti kennamaa ture.

Viizaan gara Paakistaan imaluuf kennamu erga sababa koronaavaayirasii ji’oota torbaaf dhaabatee ture booda dhiheenya kana kennamuu kan jalqabe.

“Namoonni viizaasaanii argachuuf jecha wal dhiibaa turan. Isaaniis to’annaan ala ta’an, kunis waldhabdeef isaan saaxileera,” jechuun qondaalli Jaalalabaad Rooyitarsitti himaniiru.

Afgaanistaanitti ambaasaaddara Paakistaan kan ta’an Mansuur Ahimad Khaan taatee mudateen “haalan gadduusaanii” himuun “biyyisaanii namoota viizaa argachuu barbaadaniif qondaaltota Afgaan waliin ta’uudhaan haala fooyyee qabu akka mijeessan” himaniiru.

Afgaanistaan keessatti dubartoonnii fi dhiironni sarara adda addaarratti hiriiru, kunis barsiifata amantii Islaamaa waan ta’eefi.

Dubartoonnii fi maanguddoon biros madaa’aniiru jedhamee yaadama.

Lammiileen Afgaan hedduunsaanii waggaa waggaadhaan fira gaafachuuf, yaala fayyaa argachuuf, hojii barbaacha yookiin waldhabdee biyyasaanii keessa jiru baqachuuf gara Paakistaan imalu.

Sababa tajaajjilli viizaa ji’oota torbaaf dhaabatee tureef qoonsilaan Paakistaan Nangaarhaaritti argamu namoonni baay’een argamuu danda’u jechuun namoota viizaa argachuu barbaadan isteediyeemii deemanii achitti argachuu akka danda’aniif garas isaan qajeelcheera.

“Tasa ta’ee namoonni kumaatamatti laakka’aman gara isteediyeemii kubbaa miilaatti argamaniiru, kunis taateen garaa nama nyaatuu akka mudatuuf sababa ta’eera,” jechuun dubbi himaan bulchaa naannichaa Attaullah Khogyani AFP’tti himaniiru.