Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yamanitti gartuun walwaraanaa turan hidhamtoota hedduu wal jijjiraa jiru
Yamanitti gartuu hidhattoota Huutii fi mootummaa, wal waraansarra turan hidhamtoota dhibbaan lakka’aman wal jijjiruun hedduun hidhaarraa hiikaman.
Erga waraanni biyyattii keessatti bara 2015 jalqabamee asitti hidhamoota hedduutu haala kanaan hiikaman.
Haaluma kanaan, hidhamtoonni Huutis 600 fi deeggartoonni mootummaa 400 guyyoota lamaan dhufan keessatti hidhaarraa akka hiikamanitu eegama.
Hidhamtoota jumlaan qabamanii hidhaa turan wal jijjiruu irratti kan walii galan marii ji’a darbe Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Siwizerlaand, Jenevaatti qindeesserratti walii galteerra qaqqabamee ture.
Bara 2018 tti gartuu Huutii fi mootummaa deeggaran hidhamtoota 15,000 hidhaa gadhisuuf walii galanii turan, waliigalteen sun garuu hamma yoonaatti hojiitti hin hiikamne.
Guyyaa hidhamtoota waljijjiruun jalqabu dura, warri Huutii gartuu lammilee Yaman biyya ollaa Oomaanii deebi’an simanneerra jedhanii turan.
Hedduun isaanii garuu wal’aansa fayyaa argachuu erga eegalanii booda ugguramaniiru.
Dubbi himaan hidhattoota Huutii akka himetti, bara 2018tti Istokoolmitti mariin nageenyaa, jaarsummaa Dhaabbata biyyoota Gamtooomaniitin gartuu lamaan gidduutti wayita gaggeeffamu, namoonni gara biyyoota galoo galaanatti otoo imalanii madaa’anis kanneen hiikaman keessatti hammatamuu ibsan.
Lammiin Ameerikaa deeggarsa namoomaa keennitu Sandiraa Lolii waggaa sadiif hidhamtes hiikamuu qondaaltonni Ameerikaa himaniiru.
Kana malees, namni hojii bizinasii isaa hojjataa ture Mika’el Gidadaa jedhamu waggaa tokkoof hidhamee gadhiifameera.
Reeffi lammiii Ameerikaa nama sadaffaan qabamee ture tokko gara biyyaatti deebifameera.
Biyyi Yaman waraana Bitootessaa bara 2015 jalqabameeen hedduu miidhamteetti.
Mormitoonni Huutii harka caalaa kutaa lixa biyyattii to’achuun, pirezedanti Abdulrabbuh Mansuur Haadii biyyaa ariyataniiru.
Sa’uudii Arabiyaa mootummaa biyyattii deeggaruun gartummaa waraana uumuun waraanichatti dabalamtee turte.
Walwaraansi biyyattii keessatti hammaate kun garuu balaa hamtuu namootarra qaqqabu isaa addunyaarratti guddaa ta’e qaqqabsiisuusaa Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beeksiseera.
Namoonni nagaan kumaatamatti lakka’aman balaa, silaa hambisuun danda’amu,kanaan lubbuusaanii dhabaniiru.
Haalli biyyattiin keessa turte weerara koronaavaayirasiin ittuu akka badduu baatu/miidhamtuuf saaxileera.