Koronaavaayirasii: 'Quba isa jidduu kanneen seera maaskii uffachuu cabsaniif' jette Barlin

Madda suuraa, Visit Berlin
Abbaan Taayitaa Tuurizimii Barlin duula beeksisaa suuraa manguddoo quba ishee isa jidduu bifa arrabsoon namatti qabdu agarsiisu eegale.
Kunis namoota seera maaskii ykn golgaa funyaanii fi afaanii cabsaniifi jedhameera.
Beeksisichi suuraa jaartii maaskii uffattee fi barreeffama 'quba harkaa akeektuu kanneen maaskii hin uffanneef' jedhu ofirraa qaba.
Beeksisichi hagam namoota umuriin raagan koronaavaayirasii irraa eeguun akka barbaachisu barsiisuufi jedhe Abbaan Taayitichaa.
Duulli beeksisaa kun garuu falmii kaaseera. Lammileen Jarman gariin kuni arrabsoodha jedhan.
Aanga'oonni Abbaa Taayitaa Tuurizimii Barliin garuu beeksisichi namootni seera magaalattii akka hordofan yaadachiisuu qofaafi jedhan.
Dubbi himaan abbaa Taayitichaa Kiristiyaan Taanzilar "jiraattonni Barlin hedduun akkasumas keessummoonni keenya seera koronaa magaalattii ni kabaju, garuu warren hin kabajnes jiru. Isaan kun lubbuu manguddoota fi kanneen vaayirasichaaf saaxilamoo ta'anii balaarra buusu" jechuun BBC'tti hime.
"Rakkoo kanaaf xiyyeeffannaan akka kennamu barbadne. Kanaaf beeksisa falmisiisaa ta'e kana filanne," jedhe.
Jiraattonni Barlin kallattiin dubbachuun beekamu, beeksisichis amala kana calaqqisiisa jedhe.
Beeksisichi garuu namoota hunda biratti fudhatama hin arganne.
Gulaalaa Olaanaa gaazexaa Der Tagesspiegel kan ta'e Looranz Marooldit "namoonni beeksisicha qopheessan nama arrabsuun seera ifa ta'ee fi hojiirra oolmaan isaa sirnaan hordofamu caalaa bu'a qabeessa jedhanii yaadu" jechuun qeeqe.
"Hin mikoofne, kufaniiru" jedhe.
Beeksisichi barreeffama 'quba harkaa akeektuu' jedhu qabaachuu fi suuraa irratti garuu kan mul'atu quba harkaa isa jidduu ta'uun namootatti gaaffii uumeera.
Kuni ta'e jedhamee kan godhamedha jedha Taanzilar.
Namoonni sababa fayyaatiin maaskii hin uffanne jiru jedhu namootni kaan.
"Beeksisi keenya kallattiin kan ilaallatu kanneen lubbuu namoota biroof kabajaa hin qabnedha. Namootni sababa maaskii hin uffanneef qaban beeksisi kun isaan mufachiise yoo jiraatan dhiifaman gaafadha" jedhe Taanzilar.Abbaan Taayitaa Tuurizimii Barlin duula beeksisaa suuraa manguddoo quba ishee isa jidduu bifa arrabsoon namatti qabdu agarsiisu eegale.














