Koronaavaayiras: Angawoonni Gamtaa Awurooppaa Itoophiyaa daawwatan sodaa Covid-19n adda of baasan

Josep Borrell Fontelles

Madda suuraa, Thierry Monasse

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Qondaaltonni olaanoo Gamtaa Awurooppaa torban darbe Itoophiyaa daawwatan sodaa koronaavaayirasiin adda of baasuu isaanii beeksisan.

Qondaaltonni kuni yeroo gara Itoophiyaa imalan Pirezidant Saahilawarq Zawudeefi MM Abiy Ahimad waliin wal arganiiru.

Gamtaa Awuroppaatti bakka bu’aan olaanaa Dhimma Alaafi Imaammata Nageenyaa Hoseeph Boreel gaafa Kibxataa akka beeksisanitti namni isaan waliin imale keessaa tokko Covid-19’n qabameera.

Sababa kanaaf adda of baasuu isaanii beeksisan.

‘’Gaafa Dilbataa yeroon deebi'e qoratamee bilisa jedhameera. Hamman lammata qoratamutti adda of baaseen jira,’’ jechuun tiwiitara isaanirra barreessaniiru.

Haata’u malee, namni isaan waliin imale eessatti akka vaayirasichaan qabame wanti ibsan hin jiru.

Hoseeph Boorel waliin qondaalli gara Itoophiyaa imalan Komishinara To’annoo Balaa Gamtaa Awurooppaa kan ta’an Jaanez Lenaarchichiidha.

Haata’u malee, Jaanez Lenaarchich namni vaayirasichi irratti argame kan Itoophiyaatti imale miti jechuun ibsaniiru.

Akka qondaala kanaatti Itoophiyaatti yeroo imalanis, yeroo achi deebi’anis qoratamanii nagatiiva jechuunis vaayirasicharraa bilisa ta’aniiru.

Ta’us, miseensi garee isaanii tokko vaayirasichi waan irratti argameef adda of baasanii manaa hojjetaa akka jiran ibsaniiru.

Waajjirri Ministira Muummee Itoophiyaa torban darbe gaafa Kamisaa akka ibsetti qondaaltonni olaanoo Gamtaa Awurooppaa kuni MM Abiyyiifi kaabinee isaanii waliin mari’ataniiru.

Dhimmi mariis ‘dhimmoota waloofi naannawa Itoophiyaa’ irratti ta’uu ibse.

Marii kana irratti qondaaltonni hunduu maaskii yookiin haguugduu afaanii weerara koronaavaayirasiirraa of eeguuf gorfamu godhatanii mul’ataniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Qondaaltonni kunneen bulchitoota Itoophiyaan ala bakkeewwan biyyattii biroollee sosso’anii daawwataniiru.

Itoophiyaatti erga koronaavaayirasiin ji’a torba dura seene as lammiileen 85,00 ol yoo qabaman 1,300 ol immoo lubbuu dhabaniiru.

Haa ta’u malee, qondaalli sadarkaa mootummaa federaalaatti hojjetu vaayirasichaan qabamuun dhagahamee hin beeku.