Koronaavaayiras: Sababa weerara Covid-19 daldalli addunyaa qabbanaa'us kan Chaayinaa garuu guddachaa jira

Doonii meeshaa fe'anii galaanarra jiran
Maxxanfame

Biyyoonni dureeyyiin biroo dhiibbaa koronaavaayirasiin qaqqabsiiseen yeroo rakkachaa jiranitti Chaayinaan garuu gama daldalaatiin guddataa jirti.

Ji’a Fulbaana keessa al-ergiin biyyattii %9.9 yoo guddatu, daldalli gara biyyatti galchitu ammoo %13.2n dabaluu agarsiisa ragaan jiru.

Biyyoonni diinagdeen isaa guddaa ta'e biroo hedduun sababa uggura Covid-19 haalan miidhamu jedhamee eegama.

Ragaan kunis diinagdeen Chaayinaa sababa koronaavaayirasiin miidhamee ture saffisaan bayyanachuu mul’isa.

Chaayinaan biyya namni yeroo duraaf koronaavaayirasiin qabame itti galmaa’eedha. Biyyattiinis bara darbe ture namni jalqabaa koronaavaayirasiin qabamuusaa kan ifa goote.

Biyyi diinagdeen addunyaarraatti sadarkaa lammaffa irratti argamutu kun yeroo uggurri Covid-19 labsame ji’oota jalqabaa sadii keessatti diinagdeen ishee haalan gad bu’ee ture.

Chaayinaan boodarra ji’a Adoolessa keessa kufaatii san irraa bayyanachuu jalqabde.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti, daldala kufaatiirraa bayyanachuu kan jalqabde fedhiin idil-addunyaa gama meeshaalee elektirooniksii mana keessaa, meeshaalee fayyaafi uffannaa, meeshaalee of eeggannoo dhuunfaa (PPE) haalan waan dabaleef jedhaniiru.

Ta’us garuu wantoonni namoonni barbaadan kunneen hir’achuu danda’u jechuun akeekkachiisu.

Hamma ji’a Fulbaanaatti wantoota gara alaa ergaman, akkasumas gara biyyaa seenan irraa Chaayinaan doolaara Ameerikaa tiriiliyoona 3.4 argateetti.

Kunis diinagdee biyyattii jalqabbii weerara koronaavaayirasiin kufee turerraa akkka bayyanattuuf ishee gargaareera.

Ji’a Hagayya keessa diinagdeen Jappaan saffisa guddaan kufuunsaa gabaafameera, kunis gartokkeedhaan wantoota gara alaa ergaman irratti kufaatiin waan mudateefi.

Diinagdeen US ji’a Adoolessa keessa kufaatii waggoota kudhan keessatti ishee hin mudannetu mudate.

Gama biraatiin, Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) kufaatiin diinagdee idil-addunyaa ji’a Waxabajjii keessa raagamee gad ta’uu akka danda’u tilmaamsaa kaa’eera.

Ta’us garuu addunyaan ammallee kufaatii diinagdee guddaa keessa jirti, akkasumas haalli hamaan diinagdee mudachuu danda’u “kan to’atamuudha” jedheera.

Kufaatiin diinagdee biyyoota guddatan ji’a Ebla-Adoolessaa mudate akka IMF tilmaametti hamaa hin turre.

Chaayinaan gara guddinaatti deebi’uunshee hamma eegamee ol jabaadha.

Jalqabarratti weerara koronaavaayirasiin miidhamtullee amma guddinni daldalashee dabalaa jira.

Chaayinaan waahila daldalaa ishee guddittii Waldaa Biyyoota Kibba baha Eezhiyaati, kunis Maaleezhiyaa fi Singaappuur dabalata.

Maamiloonni ishee gurguddoon itti aanan ammoo Gamtaa Awuroppaa fi Ameerikaadha jedha Bulchiinsi Waliigala Gibiraa biyyattii.

Chaayinaa keessatti hamma ammaatti namoonni 90,858 Covid-19 yoo qabaman, 4,739 ammoo du’aniiru jedha ragaan Yunvarsiitii Joons Hoopkinsi.