Filippiinsitti daa’imni haadha hidhaa jirturraa adda baafame du’uun lammilee dheekkamsiise

Haadha daa'imaashee waliin

Madda suuraa, KAPATID

Maxxanfame

Daa’imti ji’a sadii haadha ishee hidhaa jirturraa adda baafame du’uun isaa komii kaase.

Lamaan isaanii akka adda hin baane gaafatamus adda baafamanii turan. Kunis, lammiilee Filippiins rifaasiseera.

Reyinaa Maaye Naasinoo, hojjettuu mirga namoomaa yoo taatu yeroo hidhaa seentu ulfa ta’uu ishee hin beektu turte.

Boodarra mana hidhaatti qoratamtee shamarreen umri 23 ulfa ta’uu ishee barte.

Mucaan isheen achumatti deesse erga biraa fudhatamee ji’a lamallee osoo hin gahiin du’uun lammileen biyyattii sirna haqaa biyyattiirratti gadduu ibsaniiru.

Naasinoon dhaabbata Kadamay jedhamuuf hojjettu yoo taatu, rogeeyyii kaan waliin waajjira keessa hojjettu keessatti to’atamte.

Himannaan irratti dhihaates meeshaa waraanaa eeyyama malee qabachuu kan jedhudha. Isheefi kanneen ishee waliin hidhaman garuu himannaa kana ni balaaleeffatu.

Sababa sodaa weerara koroonaavaayirasiin kanneen hidhaman akka hamma tokko gad - lakkifaman yeroo gaafataman isheefis gaafatamee ture.

Ta’us, hin milkoofne. Boodarra ilma ishee waliin mana hidhaa magaalaa Maanilaatti geeffamte.

Akka seera Filippinsitti, yoo wanti addaa jiraate malee daa’imni haadha to’annoo seeraa jala osoo jirtu dhalatte haadha waliin ji’a tokko qofa turuu eeyyamamaaf.

Kanneen duula gaggeessan akka isheen daa’ima waliin hidhaarraa gadhiifamtu gaafataa turan.

‘’Riibaanii samii fakkaatuufi hiika jireenya dhala namaa qabu balbala mana murtii waliigalaa fa’itti hiina turre. Shaamaas ibsina turre. Garuu, nu hin dhageenye,’’ jedha Fidees Lim.

Fidees hogganaa Kapatid yoo ta’u, kunis garee maatiifi hiriyyaa namootaa ilaalcha siyaasaan hidhamanii deeggaruuf hundaa’edha.

Harmeen Naasinoo qondaaltota bira dhaquun torban torbaniin intala isaanii akka hiikan gaafachaa turuu himu.

Hospitaalli Naasinoon biratti deesse ilma ishee waliin akka turtu yaada dhihesseera jedhu abukaatoon ishee.

Qondaaltonni mana hidhaa garuu waan kanaaf barbaachisu hin qabnu jedhanii jechuun himu.

Dhimma kanarratti yaada qondaaltota Filippiins argachuun hin danda’amne.

‘Qajeelfama Baankok’ jala UN akkaataa qabiinsa dubartoota mana amala sirreessaa jiranirratti baasen, murteen darbu haala daa’imaaf mijatuf ta’uu qaba jedha.

Haa ta’u malee, daa’imni haadha jalaa adda baatee osoo hin turiin nimooniyaan qabamtee lubbuun ishee darbe.

Du’uun dura daa’imni akkuma dhukkubsattee hospitaala seenten ammallee walitti fidaa jedhanii namoonnii waamichaa dhiheessaa turan.

Garuu, haati mucaa ishee ilaaluuf hin eeyyamamneef.

Duuni ishees lammiilee Filippiins rifaasise, gadda isaaniis miidiyaa hawaasummaa gubbaa ibsani.

Kaanimmoo miseensa waraanaa US dhiifamaan dhiheenya gadhiifame waliin wal bira qabuun haadha mucaa biraa hambisuun sirrii hin turre jedhanii sirna haqaa biyyattii qeeqani.

Gaafa Kibxataa manni murtii owwaalcha mucaa ishee irratti akka argamtu guyyaa sadii eeyyameeraaf.