Dursaan garee shiftaa guddichaa Biraazil mana hidhaatii miliqe

Andiree Oliyiveeraa Maaseedoo

Madda suuraa, Globo

Ibsa waa'ee suuraa, Andiree Oliyiveeraa Maaseedoo
Maxxanfame

Dursaan garee shiftaa guddicha Biraazil mana hidhaatii bahee akka bakkuma jirutti hidhaarra turuuf murtaa'uulleen akkuma mana hidhaatii ba'een bakka buuteen isaa dhabameera.

Dursaan garee shiftaa kun maqaan isaa Andiree Oliyiveeraa Maaseedoo kan jedhamu yoo ta'u, mana hidhaatii kan bahe Sanbata darbe ture.

Namni kun biyya Biraazil keessatti eegumsi ol-anaan kan irratti taasifamudha.

Haata'u malee, Andireen akka mana hidhaa eegumsi cimaan taasifamuuf keessaa ba'uuf ajajni darbee sa'aatii muraasa gidduutti akka mana hidhaatti deebiyuuf ajajamus gidduu sanatti bakka buuteen isaa dhabameera.

Gareen Andireen gaggeessu kun 'Firiid Komaand Zoon Oof Ze Kaappitaal' jedhama. Gareen shiftaa kun manneen hidhaa Biraaziliifi Paraaguwaayitti argaman keessatti humna guddaa kan qabudha.

Gara Awurooppaattis baala sammuu adoochu Kookeeyin baayyee guddaa dhoksaan ni galcha gareen kun.

Andireen mana hidhaatii ba'ee mana jireenyaa isaa keessatti bakkuma jirutti akka hidhaa turu kan murtaa'e erga baayyee walfalmisiisee booda ture.

Abbaan murtii Mana Murtii Waliigalaa Biraazil, Andireen mana hidhaatii ba'ee akka manuma isaa keessatti hidhamee turuuf kan murteessan osoo murteen hin argatii seeraan ala yeroo dheeraaf waan tureef jedhan.

Andireen to'annoo jala kan oolfame waggaa tokkoon dura ture.

Bulchaan Kutaa Bulchiinsa Saawo Pooloo Andireen mana hidhaatii ba'ee akka mana jireenyaa isaa keessatti dabarsu murteeffamuun isaa akka baayyee isa aarse dubbatee ture.

Haata'u malee, murteen abbaa seeraa mana murtii ol-aanaa kun jijjiiramee akka mana hidhaatti deebiyuuf murtaa'ullee Poolisiin Biraazil Andireetiin barbaadee arguu hin dandeenye.

Sabaa himaaleen biyya keessaa tokko tokko Andireen biyyaa ba'ee baqateera jechuun gabaasaa jiru. Poolisiin garuu dhimma kana irratti wanta jedhe hin qabu.