Koronaavaayiras: Chaayinaan guyyoota shanitti namoota miiliyoona 9 Covid-19f qorachuuf

Madda suuraa, BARCROFT MEDIA
Magaalaan Chaayinaa Qingdao jiraattootashee hunda, miiliyoona sagal ta'aniif guyyoota shan keessatti qorannoo Covid-19 taasisuuf.
Kunis erga hospitaala lammileen biyyoota alaarraa dhufan itti yaalamanitti namoonni baay’een Covid-19 qabamanii boodadha.
Chaayinaan kanaan dura jiraattoota magaalaa Wuhaan, ummata miiliyoona 11f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee turte.
Biyyattiin tatamsa’ina vaayirasichaa haalan to’atteetti.
Akka maxxansa miidiyaa hawaasummaa Chaayinaa ‘Weibo’ jedhamurratti maxxanfameen, Komishiiniin Fayyaa Bulchiinsa Qingdao namoonni haaraa jaha kan mallattoo vaayirasichaa hin mul’isne argamaniiru.
Namoonni jaha kunis hospitaala tokko keessatti kan argaman akka ta’e ‘the Global Times’ gabaaseera.
Komishiniin Fayyaa magaalattii kun akka jedhetti namoonni 114,862 ogeeyyii fayyaa dabalatee vaayirasicharraa bilisa akka ta’an ibseera.
Namoonni haaraa Covid-19 qabaman kunis erga namoonni baay’een ayyaana ‘China Golden Week’ kabajuuf imalanii booda.
Kabaja ayyaana kanaan walqabatee namoonni miiliyoona 4.47 yeroo kana keessatti akka imalan Global Times bulchiinsa magaalattii waabeeffachuun gabaaseera.
Jalqaba ji’a kanaatti bulchiinsa magaalattiitti hojjattoota buufata nyaata galaanaa biyya biraarraa gara biyyattii seenurra hojjataa turan Covid-19n qabamuusaanii ibsameera.
Ta’us garuu isaan namoota biroo hubuunsaanii ifa hin godhamne.
Chaayinaa keessatti yeroo ammaatti namoonni baay’een vaayirasichaan qabamaa kan hin jirre yoo ta’u, namoonni qabamanii turan baay’eenis bayyanataniiru.
Biyyattii keessatti hanga ammaatti namoonni 85,578 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, 4,634 ammoo du’aniiru.
Chaayinaan jalqaba waggaa kanaatti magaalaa Wuhaan keessatti namoota miiliyoona 11 ta’aniif guyyoota 10 keessatti qorannoo koronaavaayirasii taasifteetti.
Ta’us qorannoo BBCn taasiseen baay’inni namoota qorannoo taasisanii miiliyoona 9tti kan siqu yoo ta’u, kunis turtii guyyoota 10 oliitiin. Ta’us garuu lakkoofsa guddaadha.
Wirtuuleen qorannoo dhibbaatamaan laakka’amanitti taasifameerratti ogeeyyiin qorannoo taasisan kumaatamaan laakka’aman hirmaataniiru.















