Ameerikaan baankiiwwan gurguddoo Iraan 18 irratti qoqqobbi keesse

Bulchiinsi Tiraamp baankiiwwan Iraan 18 irratti qoqqobii kaa’uun tarkaanfii guddaa ji’a kana keessa fudhatedha
Tarkaanfiin kun baankiiwwan kan Iraan hin taane garummoo waliin daldalan illee ni ilaallata.
Haaluma kanaan dhaaboti kun sirna faayinaansii addunyaarraa adda citu jechuudha.
Ameerikaan sochii hamaa Iraan daangessuufan kana godha jechuun sababeessiti.
UN’tti ambaassaadarri Iraan Ameerikaan ‘shororkeesummaa diinagdee’ raawwachuun himatu.
Murtoon kun kan dhufe, Ameerikaan Dhaabbati Mootummotni Gamtoomanii qoqqobbii bara 2015 Iraan irraa kaase akka deebisu erga gaafatteen booda dha. Teeraan waliigaltee diigdeetti jetti Ameerikaan.
Haa tahu malee qondaaloti Mootummoota Gamtoomanii Ameerikaa waliin walii hin galani.
Waashingitan ofii waliigaltee sana keessaa bara 2018tti ijaa of baasteef amma qoqqobbiin akka tahu gaafachuu hin dandeessu jedhu.
Tarkaanfiin ammaa kun ajaja Amajjii keessa Donaald Tiraampiin mallatteeffame yoo tahu yeroos Iraan buufata waraanaa Ameerikaa Iraaq keessa jiru haleeltee turte.
Haleellaan sun ajjeechaa koomaandar olaanaa Iraan Jeneraal Qaasiim Suleemaan Ameerikaatiin raawwatameen wal-qabata.
Ministirri maallaqaa Ameerikaa baankota kam irratti himannaa akka qabu adda hin baasne haa tahu malee kanneen keessaa tokko durumaan kan qoqqobbiin irra kaa’ame yoo tahu, kaanimmoo baankii waraana waliin hidhata qabu jedhame dha.
Tarkaanfiin kun dhaabota alaa baankiwwan kunneen waliin hojjetan guyyaa 45 keessatti dalagaa isaanii akka dhaaban ajajeera.
Sekreetariin ministira maallaqaa US Istiiv Nuuchiin,’'qoqqobbiin akkanaa kun hanga Iraan shororkeessitoota deeggaruufi sagantaa niiwkileeraa dhaabdutti itt fufa,’’ jedhan.















