Noobelii Nagaa 2020: Sagantaa Nyaata Addunyaa Badhaasa Noobelii Addunyaa 2020 mo'ate

Madda suuraa, Reuters
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti (UN) Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) carraaqqii beela balleessuuf taasiseef Badhaasa Noobelii Nagaa kan bara 2020 mo'ate.
Koreen Noobelii Noorway akka jedhetti WFPn, "Hojii beela akka meeshaa waraaniifi walitti bu'insaatti fayyadamuu ittisuu keessatti human guddaa ta'uun socho'eera."
Badhaasni kun maallaqa warra Siwiidinii kiroon miliyoona 10 (Dolaara miliyoona 1.1; Paawondii 872,600) kan baasudha.
Mo'achuun WFP kun Inistitiyuutii Noobelii Noorwey Oslootti argamutti ibsame.
Dubbi Himaan WFP mo'achuu isaaniitiif, "Yeroo gammachuun nutti dha'amudha," jedhan.
WFPn waggaa tokko keessatti biyyoota 88 keessatti namoota miliyoona 97 akka gargaaru tilmaama.
"Badhaasa bara kanaatiin, [koreen] kun iji addunyaa gara namoota miliyoonaan beela keessa jiran ykn yaaddoo beelaaf saaxilamanii akka ilaalu hawina," jedhan dura-teessuun Koree Badhaasa Noobelii Noorwer Beriit Reyiis-Adersan.
"Sagantaan Nyaata Addunyaa wabiin nyaataa akka meeshaa nageenyaa ta'uuf tumsa kallatti hedduu keessatti shoora ijoo baheera."
Badhaasa baranaaf namoonni dhuunfaa 211 fi dhaabbileen 107 ta'an kaadhimamummaan dhiyaatanii turan.
Akka seera dhaabbtichaatti tartiibi maqaa namoota kaadhimamanii hanga waggaa 50tti ifa hin ta'u.
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa fi rogeettiin biyya Siwiidiin Greta Thunberg jedhamu badhaasa baranaa mo'achuuf xumurarra ga'anii turan.
Koreen badhaasaa maal jedhe?
Dura teessuun koree kanaa Berit Reiss Andersen badhaasi baranaa miiliyoonota beela'an irratti kan fuulleffateedha jedhan.
Addunyaan barana weerara koronavaayirasiin raafamtus, Sagantaan Nyaataa Addunyaa garuu kana hunda danda'ee uummata miiliyoonaan lakkaa'amu beela baasuuf tattaafateera jedhan.

Madda suuraa, EPA
Mo'attoonni kanaan duraa eenyufaadha?
Bara darbe Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad, dhibdee Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti waggoota 20 oliif ture furaniiru jedhamuun badhaafaman.
Pirezidaantiin duraanii US Baraak Obaamaan dippiloomaasii addunyaa fi hariiroo uummata addunyaa cimsaniiru jedhamuun bara 2009 badhaafaman.
Pirezidaantiin duraanii US Jiimii Kaartar bara 2002, Malaalaa Yuusafzaayi bara 2014, Gamtaan Awuroopaa bara 2012, Kofi Aanaan bara 2001, Maazar Tireezaan bara 1979 badhaasa kana injifataniiru.















