Iraan miseensa maatii Ameerikaa badeef doolaara biiliyoona 1.45 kaffali jedhamte

Image of Robert Levinson sent to his family in 2011

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, ALA 2011tti, suuraan kun maatii Robert Levinson'f ergamee ture
Maxxanfame

Manni murtii Ameerikaa maatii hojjetaa FBI garas daawwannaaf deemee achumaan badeef Iraan doolaara biiliyoona 1.45 akka kaffaltu ajaje.

Ajajni kun haadha warraa Roobart Leeviinsaniifi ijoolleesaa miidhaan irra gaheef doolaara biiliyoona 1.35 fi beenyaa buutamuu isaaf doolaara miiliyoona 107 ramade.

Dhimma kanaaf Iraan deebii hatattamaa hin kennine, oggayyuu nama kana eessa akka jiru hin beeku jechaatii baate.

Qondaaloti Ameerikaafi maatiin Roobart Iraan keessatti dararamaati du’e jedhanii amanu.

Ibsa kenname irratti Abbaan murtii Timootii Keelii adeemsa seeraa keessatti haqa eegsisuuf tarkaanfii isa jalqabaati kun jedhan.

''Hanga yoonaa Iraan gocha dalagdeef tarkaanfiin irratti fudhatamee hin beeku. Murtoon kun Rob manatti hin deebisu, garuu kun Iraaniif akeekkachiisa dha,’’ jedhan.

FBI poster offering reward for information about Robert Levinson

Madda suuraa, FBI

Ibsa waa'ee suuraa, FBI odeeffannoo iddoo nama kanaa qabuuf dolaara miiliyoona shan nan kenna jedhee ture

Roobart bara 2007 daawwannaaf odola Iraan Kiish jedhamtu deemeeti achumaan achi buuteensaa dhibame.

Mootummaan Ameerikaa Roobart dhaabota garaagaraaf qorataa dhuunfaa taheeti tajaajilaa ture jedheera.

Haa tahu malee miidiyaaleen biyyattii ergama CIA ifatti hin beekamneef, gara odola sanaatti deeme jedhu. Achitti namicha Ameerikaa irraa baqatu Daawud Salaahuuddiiniin argate.

Innis naannoo sanatti daddabarsa tamboo seeraan alaa qorachuuf dhufuu isaa itti hima. Ergasii booda lamaanuu humnoota tikaa Iraaniin qabaman

Bara 2011tti suuraan Roobart wayyaa halluu burtukaanaa qabu uffatee agarsiisu maatii isaatti ergamee ture.

Sekreetariin yeroosii Hilaarii Killintan, ''Eeshiya keessatti iddoo tokko jiraachuu mala,’’ jedhanii amananiitu ture.