'Qoricha' arama Boocee argame jedhameefi atakaaroo inni uume

Qonnaan bultoonni yeroo aramaa Bocee araman
Ibsa waa'ee suuraa, Qonnaan bultoonni yeroo aramaa Bocee araman
Maxxanfame

Aramaan Boocee naannoo Oromiyaatti Haroo Qoqaafi Haroo Dambal, akkasumas naaannoo Amaaraatti ammoo Haroo Xaanaa irraan miidhaa geessisaa jira.

Keessattuu aramaan Bocee Haroo Xaanaa mudate kun jiraattoota naannichaafilleen yaaddoo olaanaa ta'unsaa ni himama.

Aramaa kana ittisuuf duulawwan yeroo garaa garaatti taasifamaniin alattis ogeessoonniifi tola ooltonni waan fala ni ta'a jedhan yaalaa jiru.

Haaluma kanaanis dhiheenya kanas namni dhuunfaa Mariigetaa Balaay Adaamaa jedhamu tokko qoricha aramaa kanaaf fala ni ta'a jedhame argachuu dubbatanii ture.

Qorichi biqiltuuwwan irraa hojjatamuun waggoota torbaaf yaaliin irratti taasifamaa turunsaa himame kunis aramaa kana akka balleessu BBC'tti himaniiru.

Akka Mariigetaan jedhaniitti, qorichiichi biifamee sa'aatii 24 keessatti aramaa kana ni gogsa. ''Hojii kanas ogeessoota damee kanarratti hirmaataniitti agarsiisuun naaf mirkanaa'eera,'' jedhu.

Yaaliin "qoricha'' jedhame kanarratti taasifame jiraa?

Qoricha jedhame kana Yunvarsitii Baahir Daariitti geessuun ogeessoonni yaalii qorannoo irratti gaggeessuu dubbatu Mariigeetaa Balaay.

Yunvarsitichatti Barsiistuu damaee barnoota Kemikaal Injinariingii fi yaalii taasifamee itti dhiheenyaan hordofaa kan turan Aaddee Fitiftee Mallasaa, waraqaa qorannoo Maastiretii (MA) isaanii aramaa Bocee irratti hojjataa jiraachuu dubbatu.

Haaluma kanaanis qoricha namni jedhaman kun dhiyeessan aramaa kanarratti yaaluun gabaasa qopheessanii kutaa dhaabbata barnootaa dhimmichi ilaalatuuf dhiyeessuu Aaddee Fitfiteen BBCtti himaniiru.

Haaluma kanaanis yaalii biifuu qorichichaa lafa ciisaa bishaanii adda baheetti taasiifameen, yeroo jalqabaatti sa'aatii 24 booda yoo xinnaate parsantaa 70 gogsee argamu himu.

Yaalii marsaa lammaaffaafi sadaffaaf taasifameenis akkasuma bu'aan walfakkaatu argamuusaa Aaddee Fitfiteen mirkaneessaniiru.

Haaluma walfakkaatunis yaalii akka miidhaa gara biraa kan akka qurxummiiwwan irratti yoo qabaateef jedhamee yaalamee, omaa akka hin qabne mirkaneessuun gabaasa barreessuu himan.

Haata'u malee, qorichichi maal irraa akka hojjatame akka hin beekne hin dhoksine.

Qaamoolee kaan waa'ee qoricha jedhame kanaa maal jedhu?

Aadee Fitfiteen kana haa jedhan malee, naannichatti Abbaa Taayitaa Xaanaafi Qaamoolee Bishaan Biiraatti Daarektara Mummee kan ta'an Dr. Ayaaleew Wandee xalayaa jedhame kana hin fudhatan.

Aramaa Bocee

Madda suuraa, Dejene Bekele

Ibsa waa'ee suuraa, Aramaa Bocee

Kanaafis sababa yoo himan, ''Kun yaada sadarkaa dhuunfaatti kenname malee kan qaamoolee dhimmisaa ilaallatu kan hammateefi kan karaa saayinsaawaa ta'e hordofuun mirkanaa'ee miti'' jedhan.

Waggaa tokkon dura qoricha jedhameerratti yaalii taasisanii bu'aa akka irraa hin argatinis ni dubbatu.

Namni qoricha argadheera jedhan Mariigeetaa Balaay gama isanitiin 'yaalii irratti taasisuun deebiin hoogantoota dhaabbatichaan naaf kenname kan walfaalleessu waan tureef walitti dhufeenya kiyya dhaabeera' jedhu.

Kana malees, Abbaa Taayitichaatiin biqiltuwwan qorichichi irraa hojjatame beeknu malee yaalii hin taasifnu jedhanuus Mariigetaa Balaayi ni kaasu.

Dr Ayaalewus kana gaafachuusaanii himanii, ''biqiltuun qorichichi irraa hojjatame miidhaa biraa akka hin qabaannee mirkaneessuuf maalummaasaa gaafanneera,'' jedhan.

Yeroo sanatti biqiltuu qorichi jedhame kun irraa hojjatame ibsuuf fedhii akka hin qabne kan himan Mariigetaa Balaay, amma garuu abbeentaa waan mirkaneefataniif agarsiisuuf hayyamoo ta'u dubbatu.

Nama furmaata qabna jedhu kamuu keessuummeessuf qophaa'oo ta'uu kan hima Dr Ayaalew, Mariigetaanis waan addaafi furmaata argamsiisu yoo hojjatan ni kessummeefamu jedhan.

Yaalii qorannoofi burjaajina

Kana duras Mariigeetaa Balaay qoricha argadheera jedhan akka qorannoon irratti gaggeefamuuf Yunvarsitii Dabra Maarqoositti dhiyeessan aanga'oon yuniarsitichaa BBC'tti himan.

Yunvarsitichatti Daareektar Dhaabbata Qorannoo Aadaa Haddiis Alamaayyoo kan ta'an Obbo Gizaachoo Andaargee, yaaliin qorichicha jedhamerratti taasifamulleen bu'aan omaa akka hin argamiin himan.

Bakka namni qoricha omishe jirutti litirri 25 Naannawa Gondar Aanaa Maaksanyiiti keessatti ogeessotaan biifamuu kan himan Daarektarichi, ''hanga bu'aan argamuutti tutuqaa irra bilisa taasifamulleen jijjirama omaa hin argine'' jechuun ibsan.

Abbichi bu'aan omaa akka hin dhufiin bakkichatti argamuun akka ilaalaniif itti himamnaan diduufi walitti dhufeenya yunvarsiticha waliin qabanilleen adda cituu dubataniiru.

Mariigeetaa Balaay garuu 'qorichi kiyya hin yaalamne. Kan ofiisaanii yaalamee ta'a malee. Yaalii taasisuuf wantoonni barbaachisan waan hin gutamneef dhiiseen deebi'eera jechuun yaada Obbo Gizachawu mormu.

Kanaan alattis 'qorichicha' omishuuf biqiltuwwan gahaan biyya keessa jiraachus ni dubbatu Mariigeetaa Balaay.

Kanaanis fayyadamuun Haroo Xaanaa waggaa tokkoo hanag waggaa lamaatti aramaa Bocee irraa qulqulleessuun ni danda'ama jedhanii amanu.

Qorichi jedhame kunis bifa daakuufi dhanagala'aan qophaa'u kan dubbatan Mariigetaa Balaay, qorichi liitira tokko lafa kaaree sadii irraa aramaa akka balleessu himu.

''Yaalii qoricha kanaa waggoota torbaaf naanaawa Abbaay, Haroo Qooqaafi Xaanaa irratti gaggeesseera. Kaanis mirgi abbeentaa naaf kennameera,'' jedhan.

Waajjira Abbeentaa Itoophiyaatti qorataa kan ta'an Obbo Geetaachoo Xaafaa BBC'tti akka ibsaniitti, argannoo qoricha Mariigeetaa Balaay kanaaf mirkaneessuun abbeentaa kennamuufii himanii, kunis ''mirkaneessa dursa qorannoofi sadarkaa Itoophiyaatti waan haaraadha,'' jedhan.

Itti-dabaluunis kana dura bu'aan qorannoon walfakkaatu kan hin dhiyaatiin ta'uu mirkanneessuun ragaan kennamuufi kan dubbatan Obbo Geetaachoon, waajjirrii isaaniis ragaa barreeeffama galmee i adeemsa qorannoo hordofame gamagamuun ragaan mirkanneessuu kun kennamuufiisaa BBC'tti himaniiru.

Haata'u malee, ''ragaan kennameef kunis abbeentaa isanii mirkanneessuuf malee kan akka tajaajila irra ooluuf beekamtii kennu miti'' jedhan.

Miidhaa qabaachuufi dhiisuu kan mirkanneessuu danda'an dhaabbilee kan akka Eegumsa Naannoofi Egumsa Fayyaa fa'is jedhu.

Yunvarsitiin Baahir Daar ammoo guyoota muraasaan dura qoricha kana ilaalchisee yaada murtee akka hin kenniin himeera.

Itti dabaluunis ''qorichicha sadarkaa gadaanaadhaan aramicha balleessu danda'ulleen, miidhaan maddee qabaachuufi dhiisuusaa haala saayinsaawwatiin hin mirkannoofne'' jechuun ''qorannoo laaboraatorii irratti gaggeessuun abbichi carraa nuuf hin kennine jechuun'' ibsaniiru.