Jiraattuu Maqalee dubartoota dahoo hinqabnee kunuunsitu

Wiirtuu gargaarsaa
Maxxanfame

Magaalaa Maqaleetti dhalattee kan guddate Asteer Gabrataatiyoos, haadhoolii bakka jireenyaa hinqabneef kunuunsa taasiifti. Kanaanis umurii maanguddummaa isaaniitti dahoon tahaafii jettee jirti.

Gocha kanaafis kan ka'umsa isheef ta'ees, haadhoolii dahannoo hinqabneefi daandiirratti kadhataf bahan arguu ishee akka ta'e himti.

Hojii ogummaa mukaa kan maatii ishee keessatti waggoota 15f erga hojjatee booda, hojii biraa jijjiiratte.

Erga leenjii ogummaa kaameraa fudhattee mana suuraa mataashee banattee hojjachuu jalqabde.

Ta’us, namoota daandiirratti bahanii kadhatan keessumaayyuu haadholii rakkatanii arguun waanishee hin dandeessisneef jecha hojiishee guutumaatti dhaabde; gama namoota akkanaa gargaaruutti deebiite.

Haaluma kanaanii Magaalaa Maqaleetti bakka Ganda 11 jedhuun beekamu keessatti “Wiirtuu Gargaarsa Maanguddoo Qiddus Mikaa’eel” jedhamu hundeessite.

Hojii kana wayita eegalteetti haadholii 13n yoo ta'u, eddoon isaas dallaa amaatii ishee Addee Tiruwarqi Giraazimaach Baqqalaa keessatti argama.

Asteeris isuma kana itti fufuun haadhoolii umuriin deemaniif deeggarsa galgalaan ta'aaf jette jirti.

Ammaan kanattis Wiirituu kana keessatti haadhoolii 70-110 ta'aniitu argama. Haadhooliin jalqaba gara wiirtichaa galan heedduunis bakka boqannaa kan hinqabne turan. Booda keessa garuu dargaggoonni naannichaa walitti dhufuun kutaalee dahoo isaaniif ijaaraniiru.

''Ani dahoo qorqoorroo keessatti ture haadhoolii kanneen kunuunsu kanan eegale'' kan jettu Asteer, booda garuu namoonni hedduun ishee gargaaru dubbatti.

“Abbaan warraa kiyya Obbo Amaanu’eel Baqqalaa hojii abbaa fi haadhasaa irratti argaa guddate, ergaan ishiin hojii kana jalqabee as na cinaa jira” jechuun himti.

Haadholiin durarratti mooraa Giraazimaach Baqqalaa seenan iddooitti qubataniyyuu hin qaban ture.

Yeroon booda garuu dargaggoon ganda 11 abbootii fi haadholii qabeenyaarraa maallaqa walitti qabuun mooraa keessatti kutaalee haadholiin kunneen keessatti qubatan ijaarsisan.

“Ani mana qorqorroo qabu keessatti kan haadholii kunuunsuu jalqabe. Dargaggoon Miraaf Kaasaa jedhamu dargaggeeyyii gurmeessuu fi maallaqa walittisassaabuun kutaaleen akka ijaaraman na gargaareera,’’ jetti.

Abbaan qabeenyaa Jiddugala fayyaa Innaati kan ta’an Dr Saamsoon Mulugeetaa haadholii hundaaf siree fi firaashii naa gumaachaniiru.

‘’Dargaggoonni maqaasaanii haalaan hin beekne uffata qorraa (birdilibsii) fi afata sireerraa naa kennaniiru. Hundasaanii onnee kiyyarraa galateeffachuu barbaada,” jetti Asteer.

Jiraattonni magaalattii Maahileet Argaawii fi Beeteleem Abbaay jedhaman tajaajila bilisaa kennuun na cinaa turan.

Hawaasni yeroodhaa yerootti dhufuun, uffata haadholii miicuun, rifeensa isaanii dhahuun, qeensa saanii muruun,bashannansiisuu akkasumas haati takka yoo dhukkubsatte gargaarsa kennuun na gargaaru jechuun gargaarsa hawaasni taasisuuf dubbatti Asteer.

Kanaan alattis haadholiin nyaata mana Asteeritti argatan waliin qooddachuun jiraatu.

Aadde Roozinaa Afeworqii magalaa Asmaaraatti kan dhalatanii guddatan. Mana nyaataa xiqqoo taatee bananiiniiti kan ijoolleesaanii guddisan. Ta’us garuu ijoolleensaanii lamaan du’aan isaan biraa boqotaniiru.

Gara magaalaa Maqalee dhufuun warroota dhiiraa sadi hin fuune biratti socho’uun nyaata bilcheessuun hojjatu turan.

Guyyaa tokko garuu kufanii luktisaanii cabe, kanaan boodas haadholii Asteer gargaaran keessaa tokko ta’uun ishee biratti kunuunfamu.

“Isin Asteerin gargaaraa malee ani nagaa kiyya. Ishee gargaaraa, jabaadhu jedhanii, nuti isheerraa eegganna, isin ammoo ishee gargaaraa,” jechuun waamicha dhiheessu.

jiddugala keessatti

Asteer af-gaaffii ji’oota jaha dura BBC Tigiriffa waliin taasifteen nyaanni akka hanqateen, namni ishee gargaaru dhabamee rakkoo guddaa keessa akka jirtu ibsuun hawaasni akka ishee gargaaruuf waamicha dhiheessitee turte.

Lammiileen Itoophiyaa fi Eertiraa haadholiin kunneen rakkoo keessa jiraachuusaanii hubatan birrii walakkaa miiliyoonaa (560,000) gumaachaniifiiru.

Namoonni baay’eenis gama bilbilaatiin Asteeriin jajjabeessaa jiru. Asteer yeroo haati takka jalaa duutu gaddaan onneen ishee caba. Erga wirtuu kanattiis ana kunuunsuu jalqabdee as haadholiin afur jalaa du’aniiru.

Asteer Gabirataatiyoos maallaqa walitti qabameen hojii daldalaa xixiqqoo jalqabuun wiirtuun kun diinagdee dhaan akka of danda’u gochuuf karoora qabdi.

Kana booda harka namaa osoo hin eeggatin wirtuun kunis ofiisaatii akka of danda’uuf hojii jalqabuuf qophiirra jirti.

Namoota maallaqaan, yaadaan akkasumas qabeenyaa ishee gargaaraniif galata galchiteetti.