Koronaavaayiras: Itoophiyaatti qorannoon Covid-19 reeffarrattii taasifamu dhiifamuun ibsame

Jidduugala Covid-19

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS

Maxxanfame

Itoophiyaan qorannoo saamuda reefa namoota du'anirraa fudhachuun gaggeessaa turte dhaabuu beeksiifte.

Kunis kan beeksiifame xalayaa Instityuutiin Fayyaa Hawaasa biyyattii Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Finfineetiif barreesseen.

Dhibee koronaavaayirasii addunyaaf yaaddoo ta'ee ture to'achuudhaaf biyyattiin yaaliiwwan garaa garaa taasisaa turuu kan eeree xalayichi, kanneen keessaa tokko qorannoo laaboraatorii saamuda reeffaa irraa fudhatemu ture jedheera.

Insititiyuutiin Fayyaa Hawaasaafi Ministeer Fayyaa Itoophiyaa dhaabbilee walta'an kan biraa waliin ta'uun tatamsa'iina koronaavaayirasii ittisuuf jecha jiddugala qindeessaa Balaa Tasaa Fayyaa Hawaasaa hundeessuun hojiiwwan hojjatamaa turan keessaa saamuda reeffarraa fudhatamuun laaboraatooriitti qoratamu tokko ta'u beeksiiseera.

Haata'u malee, tatamsa'inni vaayirasichaa hawaasa keessaatti parsantaa 95 ol ta'unsaafi hawaasa birattis komii olaanaa kaasaa akka ture xalayichi ni ibsa.

Sababiiwwan kanaaf jecha Taask Foorsiin Biyyaaleessaa Ittisaafi To'annoo Covid-19 haala qabatamaa addunyaafi kan biyya keessaa yeroo xiyyeeffannoo keessa galchuun ammas kutaalee hawaasaa caalaa saaxilamtoota ta'aniif addatti hojii ittisaafi qorannoo itti fuufa jedhameera.

Kana malees, du'aatii kamiyyu akka waan sababii koronaavaayirasitiin mudateetti yaadamuun sirna awwaalchaa irratti of eeggannoo barbaachisaan taasifamuu akka qabaatuus akeekkachiseera.

Erga namni vaayirasichaan qabame kan jalqabaa itti mirkanaa'ee baatiiwwan torban darbanii kaasee hanga har'aatti, Itoophiyaatti namoonni vaayirasichaan qabaman 73,944 kan gahee yoo ta'u, kanneen 1,177 ammoo sababiidhuma dhibee kanaatiin lubbuusaanii dhabaniiru.

Biyyattiin hanga ammaatti saamuda namoota 1,260,929 irratti qorannoo laaboraatorii gaggeessuunis mirkanaa'eera.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa