Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
’Almaaz afaan Amaaraafi Ingiliffaan nu kofalchiisti ture’
Taatoo fi hojii beeksisaan ogeessota foddaa TV’n mul’atan keessaa tokko kan taate Almaaz Haayilee boqotteetti.
Torbeewwan darbaniif dhukkubsataa kan turte Almaaz har’a ganama akka boqotteefi sirni awwaalcha ishee bor bataskaana Qiddist Sillaasee Kaatedaraalitti akka raawwatamu EBC’n gabaaseera.
Tiyaatira,fiilmii, diraamaa walitti fufaa TVfi raadiyoodhaan kan beekamtu Almaaz hojii beeksisaan illee warreen maqaan dhahamu keessaati.
Ishee waliin kanneen hojjetaniifi dhiyeenyatti kan ishee beekan keessaa ogeessa tiyaatiraa fi diraamaa Tasfaayee Abbabbatti haasofneerra
‘’Dhihoo kana dhirsaafi niitii taanee hojjennee ture’
Tasfaayeen Almaaziin kan yaadatan yeroo isheen Tiyaatira Biyyaalessaatti shubbistuu taatee qacaramtu dha.
Waggaa afurtama dura Algaanash waliin tahanii shubbisa ammayyaa fi aadaa dhiyeessu ture. Boodarra gara taatummaatti seente.
‘’Almaaz komeediyaanii dha. Baayyee nu kofalchiisti’’ jechuun dubbata Tasfaayeen.
Tiyaatira Biyyaalessaa irraa erga sooruma baate as ‘’warreen fiilmii hojjetan wal-saamaniitu ishee hojjechiisu.Ishee waliin hojjechuuf namoota baayyeetu hawwa.
’’Almaaz nama irratti of amantu dha.Biyyasheef jaalala addaa qabdi,’’ kan jedhan artist Tasfaayeen dhihoo kana dhirsaaf niitii tahuun diraamaa dheeraa tokkorratti hojjechuu hima.
Diraamaa kana irratti Tasfaayeen hojjetaa kunuunsa bosonaa yoo tahu, ishee waliin guyyuu walitti bu’u. Boodas ijoolleen isaani gidduu seenanitu isaan araarsu.
Tasfaayeen diraamaa keessatti iddoo Almaaz namni du’uun itti himamee bo’icha boosuu hin irraanfadhu jedhu.
‘’Imimmaan isa dhugaa buusaa turte. Ga’umsi fakkeessuu isheen qabdu ajaa’iba dha,’facial expression’ isa jedhamu sana hinuma geggeedarti.
Yeroo boqonnaa shayeef bahan Almaaz akka isaan kofalchiistu dubbatu. ‘’Amaariffaanis Ingiliffaanis nu kofalchiisti ture,’’ jedhu
Almaaz yeroo Tiyaatira Biyyaalessaa turte, Algaanash Taarikuu, Assallafach Baqqala,Xalalaa Kabbada fi Asnaaqach Warquu fa’i waliin hojjechaa turte.
Tiyaatira tokko keessatti isa moloksee taatee hojjette hin irraanfadhu jedha. ‘’Almaaz tiraajediinis, komeediinis ni tahaafi,’’ jedha.
Gama beeksisaan immoo dhadhaa Shenoo fi kaanillee baay’inaan hojjetteetti.
Almaaz amalli isheen irratti qooddattuu hin taane hin jiru jedha.
Tasfaayeen,’’taatummaa kennaa uumamni isheef gumaachite dha. Eenyuyyuu otoo ishee hin barsiisin ofiin of barsiiste,’’ jedhe