Koroonaavaayiras: Hogganaan fayyaa haala Afriikaan Covid-19 ittiin ittisaa jirtu leellisan

Madda suuraa, ANADOLU AGENCY
Hogganaan Gidduu-gala To’annoo Dhibeewwanii Afriikaa (CDC), hojii biyyoonni Afriikaa tamsa’ina Covid-19 xiqqeessuuf hojjatan jajan.
Afrikaa keessatti Guraandhalaa irra eegalee hanga ammaatti namootni miiliyoona 1.4 ta’an dhibee kanaan kan qabaman yoo ta’u, namootni 34,000 ta’an ammoo lubbuu isaanii darbeera.
Lakkoofsi kunis biyyoota kan akka Awurooppaa, Eshiyaafi Ameerikaa waliin yoo madaalamu bayyee gadaanaa ta'un alattis lakkoofsi namoota qabamanii hir’ataa jira.
Dursanii tarkaanfii fudhachuun tatamsa’ina weerara kanaa hir’isuu keessatti ga’ee guddaa qaba jechuun hogganaan CDC Afrikaa Joon Nikengasoong BBCtti kan himaniiru
CDC Afrikaan Ejjansii fayyaa Gamtaa Afrikaadha (AU) kan miseensoota biyyota 55ti.
Ardiin uummata biiliyoona tokkoo ol qabu lakkoofsa namoota Covid-19 qabamnii addunyaa keessaa %5 qofa yoo ta’u kan du’aniif ammoo %3.6 qofadha.
Ardiin Afriikaa ummanni biliyoona tokko ol keessatti argamus, kan addunyaa keessaa namoota %5 ta'u vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, kan du'anis %3.6.
Dr Nikengasoong akka ibsaniitti, yaadini lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamaniifi du’anii xiqqeefamee gabaafame jedhu ‘soba’ jedhan.
“Akkumaa kutaalee addunyaa kaanii kanneen dhibee kanaan qabaman hunda argachuu dhiisuu malla…garuu ardiicha irratti namoonni daandirratti yeroo du’an ykn jumlaan awwaalaman argaa hin jirru,” jedhaniiru.
Biyyootiin Afrikaa hundi yeroo namni jalqabaa dhibee kanaan qabamee gabaafamee keessee tarkanfii adda addaa fudhataniiru. Afrikaa Kibbaa dabalatee biyyooti hedduun gutummaatti sochii ugguruu yoo filatan, kanneen akka Itoophiyaa garuu tarkaanfii laafaa hordofu filataniiru.
Ta’us Dr Nikengasoong, lakkoofsi xiqqaachuun isaaf “sochiin waliinii ardichaa” kan akka “qorannoo baayinaan taasisuu, duukaa dhawuun hordoffii taasisuu fi keessummaa maaskii kaawwachuu,” irrattii xiyyeefachuun sababadha jedhu.
“Biyyoota hedduu keessattu, bakka ani jiraadhu Itoophiyaa dabalatee, daandii Finfinneetti yoo baatan haala %100 jechisiisuun hundu maaskii kaawwatee agarta,” jedhaniiru.
Sababoonni biroo kaa’aman maali?
Ummanni Afriikaa baay’inaan dargaggoo ta’uunsaas sababa xiqqaachuu tamsa’ina kanaati, akka Dr. Inkeengaasoongiin jedhanitti.
Dabalataanis, sochiiwwan ummata giddu-gala taasisan taasifamuufi muuxannoon dhibeewwan akka Iboolaa irratti namoota tuttuqqaa qaban adda baasuus gumaataniiru jedhani.
"Vaayirasichi hawaasa keessa jira, tumsa hawaasaa malee karaan vaayirasii kana ittiin to’annu biraan hin jiru,’’ jedhu Dr. Inkeengaasoongiin dabalanii yoo ibsan.

Madda suuraa, Reuters
Akeekkachiisa tamsa’ina vaayirasichaa marroo lammaffaa ka’uu malu irratti
Xiinxala Anni Sooyi Naayiroobii irraa
Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii hir’achaa jiraachuun kan mul’atu gabaasa Afriikaa Kibbaa (biyya namoota vaayirasichaan qabaman keessaa walakkaadha ol itti argaman) ilaaluunii. Biyyoonni kaan garuu akka AK’tti qorannoo hin taasifne.
Hanga Kibxata darbeetti, Afriikaan kibbaa namoota miiliyoona 10 akka ardittiitti ji’a tokko dura qoratamaniiru jedhaman keessaa, miiliyoona afurii ol qorachiisuun nidursiti.
Kan addunyaan wal-bira yoo qabamu kuni lakkoofsa gadi aanaadha. Kanaafis sababa kan jedhame hanqina meeshaalee qorannoo akkuma idl-addunyaatti mudateefi Afriikaatti omishuu dhabuudha. ‘‘Milkaa’inni’’ Afriikaa akka hin odeeffamne kan gochaa jirus kanuma.
Namoonni qabaman hunduu gabaafamuu baatanillee, du’aatiin hin baramneefi ibsuuf rakkisu ardittii keessatti hin mul’anne, akka ogeessota Dr. Inkeengaasoongi fa’I jedhanitti.
Biyyoonni hedduun uggura isaanii laaffisaa waan jiraniif garuu, vaayirasichi marroo lammaffaaf ka’uu mala jedhamee akeekkachiifamaa jira.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














