Naannoo Affaar daangaa Tigiraayitti poolisiin dargaggoota sadii ajjeese

Naannoo Affaar magaalaa Shikiti (Abi'aalaa) jedhamtu keessatti walitti bu'insa dargaggoota naannichaafi miseensota poolisii humna addaa gidduutti uumameen dargaggoonni sadii ajjeefamanii, sagal madaa'uu isaanii namooni ijaan argan BBCtti himaniiru.
Walitti bu'insa kanaan walqabatee namoota miidhaan irra gahe keessaa ja'a Naannoo Tigiraayitti kan argamu Hospitala Rifiraalaa Ayidar kutaa wallaansa balaa tasaatti yaalamaa jiraachuu odeefannoon maddeen hospitaalichaarraa arganne ni mul'isa.
Namoota ijaan argan BBCn dubbise ammoo, "Ayyaana Masqalaa kabajuuf jecha muka murtanii dargaggoota qophii taasisaa turan irratti miseensonni poolisii humna addaa naannichaa rasaasa itti dhukkaase," jedhan.
Kantiibaan magaalaa Shikiti Obbo Xaahiir Hassan garuu dargaggoonni kunneen labsii sababa koronaavaayirasii labsame ture cabsuudhaan poolisii waliin walitti bu'uu dubbatu.
Dabalataanis, "Ummata Tigiraayiifi Affaar walitti buusuudhaaf yaada namoonni bakka biraatii dhufan kaasaniidha," jechuun tilmaamna jedhanillee essaafi eenyuu fa'iidha kan jedhu garuu ibsuurraa of qusataniiru.
Qaamoleen nageenyaa naannoo Tigiraayis gara naannichaatti seenuu baatanis wanta ta'e itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiran BBCtti himaniiru.
Wayita ammaa kanattis humni raayyaa Ittisa biyyaa magaalattii seenuun hojjii tasgabeessuu hijjataa akka jiruulleen BBCn mirkaneeffateera.










