'Ani dubartii ganna 72ti, umuriin koo qabeenya naaf ta'e'

Madda suuraa, Tricia Cusden
"Battala dubartoonni mallattoo dullumaa agarsiisuu eegalan irraa kaasee, akka hin barbaadamnee fi dorgomtootas akka hin taanetti fudhatamu," jetti dubartiin ganna 72 Boonii Maarkas.
Kaalifoorniyaa, Saantaa Baarbaraatti jiddugala leenjii hoggansaa Boonii Maarkas kan hundeessite dubartiin kun, dubartoonni attamiin hojii isaaniitti akka milkaa'an leenjii kenniti.
Dubartooni haguma umuriin isaanii dabalaa adeemu iddoo hojiitti loogiin sababa umurii fi koorniyaan irra gahu dabalaa adeema jechuun falmiti.
Tiriishiyaa Suusden ammoo dhaabbata 'Look Fabulous Forever' jedhamu hundeessuun dubartoota dulloomaniif dibata bareedina ykn 'make-up' dhiyeessiti.
"Ani dubartii ganna 72ti, ammallee akkuma dur hojjechaa turetti cimsee hojjechaa jira" jetti. "Inumaa umuriin koo faayidaa naaf fide, qabeenya naaf ta'e" jetti.
Tiriishiyaan wayita ganna 60 keessa turte akkawoo ishee dhukkubsachaa turte kunuunsuuf hojii ishee gadi dhiiste.
Booda gaafa akkawoon ishee fayyitu hojii malee hafte.
"Kallattiin jireenyaa na harkaa bade. Jiruun itti deebi'u hin qabun ture. Akka sanaan dabalataan ganna 30 jiraachuun danda'a."
UN akka jedhutti addunyaarratti lakkoofsi namoota umuriin isaanii ganna 65 olii ariitiin dabalaa jira.
Waggoota 30 itti aanan keessatti dachaan dabaluu danda'a jedhamee tilmaamama. Kan 80 olii ammoo dachaa sadii oliin.
Lakkofsi kun haguma dabalaa deemu loogiin sababa dullumaan namarra gahu (ageism) dabalaa jira.
Awurooppaa keessatti loogiin dullumaa loogii namoota heduu mudatu ta'aa jira - kanaan kan miidhaman hedduun ammoo dubartoota.

Madda suuraa, Bonnie Marcus
"Hedduu nama aarsa" jetti Booniin. "Yoo xiqquma dulloomte, keessahu yoo dubartii taate, san booda gatii hin qabdu. Hawaasni keenya dardarummaa fi bareedina waaqeffata."
Tiriishiyaan erga intalli ishee fayyiteefi booda hojiitti deebi'uu hin yaalle. Dhaabbata ofiiishee kan dubartoota dulloomaniif 'make-up' dhiyeessu hundeessite.
Akka hin milkoofne irra deddeebiin itti himamullee amma dubartii kaampaanii doolaara miliyoona hedduu baasu hogganti.
Dubartoonni dullooman carraan hojii qacaramuu isaanii kan warra dhiirota umurii wal fakkaataan yoo madaalamu baay'ee xiqqaadha jedha Gareen Ameerikaatti dulluma irratti hojjetu.

Madda suuraa, Tricia Cusden/YouTube
Addunyaa irratti aangoo siyaasaas ta'e kan dhaabbilee garagaraa hedduu kan of harkaa qabu dhiirota.
Ameerikaa keessatti hoggantoota dhaabbilee gurguddoo 500 keessa dubartoonni dhibbeentaa 7 qofa. UKtti ammoo hoggantoota dhaabbilee 100 keessa dubartoonni dhibbeentaa 5.
"Haqa qabeessa ta'uu dhabuu qofa osoo hin taane, ija diinagdeenis yoo ilaalame sirrii miti" jetti Boonii Maarkas.
"Kaampaanonni wanti baruu qaban dubartoonni ganna 50 olii hoggantoota qarshii sirnaan to'achuu danda'anidha" jetti.
Biyyoonni dubartoota ganna 50 olii hojjechiisan guddina diinagdee jabaa galmeessisu jedhu dhaabbileen herreegaa.
Gama kanaan biyyi MM dubartiin hogganamtu Niwu Ziilaand akka fakkeenyaatti eeramti.
Dubartoonni milkaa'ina guddaa argamsiisuu malanillee liqii dhabuu irraa egalee rakkoo adda addaatu isaa mudata.
Dubartoonni hedduun maallaqa maatii ykn hiriyoota isaaniirraa argataniin gara hojii daldalaa seenu.
Tiriishiyaan wayita dhaabbata ishee 'Look Fabulous Forever' eegaltu maallaqa ofii qusatteen ture, booda garuu invastaroota hedduu hawwachuu dandeesseetti.
Bara 1980moota keessa osoo akkawoo ishee dhukkubsachiisuuf jettee hojii hin gadhiisiin sababa umurii isheen loogiin irra gahaa akka ture himti.
Waggaa 30 fi 40 booda ammas wanti kun jijjiiramuu dhabuun 'maraatummaadha' jetti.














