Baha Giddu-galeessaa: Xiyyaarri Israa'el irraa gara Yunaayitid Arab Emiratisitti balali'uu jalqabuuf

Madda suuraa, EPA
Balaliin xiyyaaraa kan daldalaa Israa'el irraa gara Yunaayitid Arab Emiratisitti yeroo jalqabaatiif taasifamuuf. Kun ammoo hariiroon biyyoota lamaan gidduu jiru foyyaa'aa dhufuu kan agarsiisudha jedhameera.
Daandiin Xiyyaaraa LL jedhamu jila Israa'eliifi aanga'oota Ameerikaa qabatee balalii sa'aatii sadii taasisa.
Xiyyaari kunis daangaa qilleensaa Sa'ud Arabiyaa keessa akka balali'uuf ni hayyamamaaf jedhamee eegama. Kanaan dura garuu xiyyaarri Israa'el daangaa qilleensaa sana keessa darbuu hin danda'u ture.
Baha Giddu-galeessaa keessaa Yunaayitid Arab Emiratis erga Israa'el hundooftee as biyya Arabootaa keessaa kan beekamtii kenniteef ishee sadaffaadha.
Yunaayitid Arab Emiratis qoqqobbii bara 1972 irraa kaastee Israa'el irra keessee turte Sanbata darbe kaasteetti. Dhuma ji'aa kana keessas toorri bilbilaa kallattiin biyyoota lamaan wal qunnamsiisu yeroo jalqabaatiif hojii eegaluun isaa ni yaadatama.
Hariiroon Israa'eliifi Yunaayitid Arab Emiratis gidduu jiru kan foyyaa'aa dhufe jaarummsaa Ameerikaan taasifteen yoo ta'u, Hagayya 19 ture michoomina isaanii kan ifa godhan.
Hawaasa addunyaa biratti oduun kun akka oduu gammachiisaatti fudhatamulleen, Filisxeem garuu mormii qabdu ibsatteetti. Keessumaa Yunaayitid Arab Emiratis kan Filisxeemiif beekamtii hin kennine Israa'el waliin hariiroo uummachuun, Filisxeemiin ganuudha jedhameera.
Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetinyaahoo Yunaayitid Arab Emiratis waliin hariiroo ummachuu isaanii waliin walqabsiisuun karoora West Baank weeraraan qabatame dirqamaan qabiyyee Israa'el gochuuf ture tursiisuuf waliigalameera.
ፍልስጤም ይዞታው አገር የምመሠርትበት ነው ትላለች።














