Magaalota Awurooppaatti ''Covid-19 soba'' jechuun hiriirri mormii bahame

Madda suuraa, REUTERS
Magaalota Awurooppaa garaa garaatti uggura koronaavaayirasii to'achuuf bahe mormuun lammiileen hiriira bahan.
Kanneen hiriira bahan vaayirasichi oduu sobaati jechuun amanu.
Hiriira Landan addabaabaayii Tiraafaalgaaritti namoota kumaatamaan taasifameen dhaadannoowwan ‘‘maaskiin luugamadha’’ fi kan biroon mul’ataniiru.
Paariis, Zuuriik fi Viyeenaanis magaalota mormii keessummeessan keessaati.
Gama kaaniin, biyya Jarmanitti poolisiin Barliin namoota uggura koroonaavaayiarsiif kaa'aman mormuun ba'an keessaa 300 kan ta'an to'annoo jala oolcheera.
Magaalattiitti namoonni 38,000 ta’an hiriira mormiif yoo ba’an hedduun isaaniis nagayaan geggeessaa turani.
Namoonni 200 ta’an hiriira naannoo tokkotti taasifamaa ture keessaa kan hidhaman yoo ta’u, finxaaleyyiin dhagaafi qaaruuraa darbachaa turuun isaanii hidhamuu isaaniif sababa ta’uu anga’oonni himu.
Jarmanitti maaltu ta’e?
Poolisiin garee dhiyeenya balbala Biraandanbargi jiru tokkoon dambii cabsaa jirtu waan ta’eef bittinnaa’aa jechuun itti hime, achiis namoonni dhagaafi qaaruuraa darbachuu eegallaan isaan keessa 200 to’ate.
"Tarkaanfiiwwan hanga yoonaatti fudhanne haala jiruuf bu’aa hin buusne, amma garuu filannoo biraa dhabne’’ jedhe poolisiin Barliin Tiwiitara gubbaa.
Mormitoonni bakka muraasatti walitti duudanii kan turan yoo ta’u, lafarra taa’aas mul’ataniiru. Gareen namoota 30,000 ta’anii ammoo, waan jedhamu dhaga’uuf nagaan walitti qabamani.
Warreen hidhaman keessaas barreessituun ‘cookery’ fi waan qorannoon hin mirkanoofne akka raawwatetti amanuun kaan akka ishee hordofan kan goote [conspiracy theorist] Atiilaa Hiidmaan yeroo namootatti sagale guddistuun dubbachaa turtetti to’atamte.
Jarmanitti dambaliin vaayirasichaa yeroo lammaffaaf akka biyyoota kaanii itti mul’achuu baatus, lakkoofsi namoota qabaman dabalaa jira.
Mormii Barliin irratti eenyutu hirmaate?
Akka Obbo Giizil jedhanitti, warreen eembasii Raashiyaa fuulduratti mormaa turan ‘‘finxaaleyyii garee siyaasaa mirgaa’’ yoo ta’an, poolisoonni torba miidhaan irra ga’eera.
Mormitoonni muraasnis gamoo Reeyichistaag cabsuun deemuuf yoo yaalan, poolisiin barbaree itti biifuun bittinsee jira.















