Shaampiyoons Liigii Awurooppaa: Bayern Muunik shaampiyoonaa Awurooppaa tahe

Bayern Munich celebrate

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame

Dorgommiin Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa magaalaa Liisbanitti xumura argate ol aantummaa Kilaba Jarman, Baayerni Munikiin xumurame.

Yeroo jalqabaaf waancaaf kan gahe PSG kilaba guddaan Faransaay tilmaama injifachuu guddaa argatee ture.

Haa tahu malee Baayerni ol aantummaa taphaa fudhachuun yeroo 6ffaaf waancaa kana injifateera.

Kingislii Koomaan tapha kubba miilaa magaalaa Paaris kilaba PSG keessatti eegale daqiiqaa 59ffaa irratti kubbaa Juushoyaa Kiimich irraa ergamteef lakkoofsisuun Bayer Munikiin dura aanse.

Leenjisaa Munik Hansii Filikiif halkan addaa ture. Waancaa Bundisliigaa barana mo’atetti Shaampiyoonsi Liigii dabalachuun gammachuu guddaa kenneeraaf.

Jalqaba leenjisaa Munik kan turan Nikoo Kovach ari’amnaan yeroodhaaf hojii leenjisummaa kana fudhatan.

Gama biraan taphattoota ciccimoo adunyaa keenyaa keessaa isaan jalqabaa kan jedhaman Neeyimarii fi Kiliyaan Embaappeef halkan gadda guddaa ture. Taphattootni kunneen dandeettii kubbaa miilaa jabaa qaban tapha kana irratti ni agarsiisu jedhamee eegamaa ture.

Neymar

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Neymaar taphataa qaalii yeroo hundaati (yuuroo miiliyoona 222n bitan)

Tahus taphataa cimaa dorgommii tapha xumuraa kanaa kan tahe karra eegaan Munik Maanu’el Nuwer carraa isaaniif kennine.

Munik waancaa Shaampiyoonsi Liigii kana yoo mo’atu bara dorgommii tokkotti tapha hundaa kilebii mo’atee waancaa kanaaf dhaqqabe tahuun kilaba jalqabaa tahuu isaati.

Munik kutannoo fi qindoomina guddaan taphicha mo’atan. Leenjisaan isaanii Filik gahee ol-aanaa qaba. Taphoota 21 osoo hin mo’amiin akka xumuran taasiseera erga leenjisummaatti dhufee.

Kingsley Coman

Madda suuraa, EPA

Munik kileba guddaa addunyaa kanaa keessaa kan tahe Baarseloonaa 8fi 2’n mo’atee ture kan waancaa Shaampiyoonsi Liigiif gahe.

Leenjisaa Filik galchii injifannoo tokkittii kan lakkoofsise Koomaan, Ivan Perisch kan gahumsa gaarii irra jiru dursuun ture carraa kan kenneef.

Kanaanis milkaa’eera. Rooberti Lewandowiskiin bara kana galchii Shaampiyoonsi Liigii 15 qaba. Kiristaanoo Roonaaldoo [17] malee taphataan bara dorgommii tokkotti isaa ol lakkoofsise hin jiru.

PSG’n waancaa Liig 1 Faransaay injifachuun hawwii kilabicha yeroo dheeraa kan tahe dabalachuuf yaalus hin milkoofne. Taphataan sarara ittisaa fi dursaan taphattootaa PSG Tiyaagoo Silvaan kaleessa tapha xumuraa isaa kilabichaaf taphate.

Bayerni Muunik waancaa kana yeroo 6ffaaf injifachuun kilaba Riyaal Maadirid fi AC Miilaanitti aanuun Liiverpuul waliin ammoo wal qixxaachuun sadarkaa 3ffaa irra jira.