FA Kaap 2020: Awubaamaayaang baranas Arsenaaliin abbaa mirgaa taasise

Maxxanfame

Taphataan dargageessi Kilabii Arsenaal Emeriik Awubaamaayaang raajii yeroo darbe Wanbileerratti hojjete irra deebi'uun gareen isaa Chelsii 2-1n injifachuun akka Waancaa FA Kaap marsaa 14ffaaf mo'atu taasise.

Awubaamaayaang Arsenaal akka FA Kaap kana mo'atu taasisuun isaa kun yeroo lamaffaa isaati. Taphataan kun Arsenaal Chelsiitiin 1-0n osoo durfamaa jiruu goolii lama lakkoofsisuun abbaa mirgaa taasiseera.

Chelsiin taphni Waancaa kun akkuma jalqabameen daqiiqaa shan keessatti goolii akka dansaa miidhadu Kiristiyaan Puulistiik lakkoofsiseen dursuu jalqabullee, taphataa qaxalee Arsenaal kanaan harka kenneera.

Awubaamaayaang tapha FA Kaap dhuma walakkaa Maanchester Siitii waliin gareen isaa taasise irrattis gooliiwwan lama lakkoofsisuun cimina ajaa'ibaa agarsiisee ture.

Taphataan lammii biyya Afrikaa, Gaaboon kun goolii lamaan Waancaa FA Kaap kana irratti Chelsii irratti lakkoofsise keessaa isheen jalqabaa adabbii peenaaliitiin turte.

Awubaamaayaang gooliin lamaffaa mo'achuu garee isaa mirkaneessite akkaataan itti lakkoofsises guddoo miidhagduu turte.

Awubaamaayaang manaajera haaraa Arsenaal Mikeel Arteettaaf hamilee jabduu horeera.

Mikeel Arteettaan ammoo kanaan dura yeroo Arsenaaliif taphataa tures kilabicha waliin Waancaa FA Kaap mo'atee ture. Yeroo sanattis dursaa taphatoota Arsenaal (Qeellisaa) ture.

Kanaaf, Mikeel Arteettaan qeellisaas ta'ee leenjisaas ta'ee Arsenaal waliin FA Kaap mo'attera jechuudha.

Chesliin tapha Waancaa FA Kaap Arsenaal waliin taphate kanaan waan lamaan miidhamee ture. Tokkoffaan, kan goolii lakkoofsise Kiristiyaan Puulistiik dabalatee taphattoonni ciccimoon tapha gidduutti miidhamanii jalaa bahaniiru.

Maatewoo Kovaachiichi ammoo takaallaa hamaa Zhaakaa irratti raawwateen kaardii diimaatiin dirree keessaa hari'ameera. Kun ammoo Cheslsiitti dubbii daran hammeessite.

Waancaa FA Kaap kana mo'achuu isaatiin Arsenaal dorgommoo Yurooppaa Liigii itti aanu keessatti dorgomuu akka danda'u mirkaneeffateera.

Manaajerri Chelsii Firaank Laampard ammoo kilabasaa duraan keessa taphataa ture kana moosisuu dhabuu isaatti hedduu gaddeera.

Mikeel Arteettaa maaltu itti dhaga'amee?

Mikeel Arteettaa yeroo sa'aatiin dhumee fiishkaan hafuufamtu dhugaadha hin seene. Baayyee gammade.

Mudde keessa bakka Unaa'ii Emerii bakka bu'uudhaan leenjisaa Arsenaal kan ta'e Arteettaan hojii manaajerummaatiin Waancaa jalqabaa guddaa argatedha.

Erga dhiyoo as Arsenaal Piriimer Liigii keessatti dabalatee kilaboota ciccimoo akka Liiverpuuliifi Maanchester Siitii mo'achuudhaan cimaa jira.

Tokkoo tokkoo taphaa keessattis yeroo taphattoonni Arsenaal haalaan cimaa dhufan Awubaamaayaang ammoo hedduu qaramaa dhufeera.

Taphataan gahumsa akka Awubaamaayaang qabu kun taphawwan gurguddoo akkasii kana keessatti jijjiirama fida jedhe Arteettaan yeroo taphataa lammii Gaabon kana jaju.

Amma jijjiirraa taphatoottaa waqtii Gannaa kana keessatti Arsenaal Awubaamaayaang waliin waliigaltee haaromfachuutu barbaachisa. Arsenaal karaa ittiin isa tursiifatu hojjechuu qaba.