Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Indiyaatti alkooliin summaa'e lubbuu namoota hedduu galaafate
Indiyatti summaa’uu alkooliitiin lubbuun namoota 86 darbuusaa qondaltonni motumma biyyattii ibsaniiru.
Namoonni miidhaman kunneen dhugaatii alkoolii karaa seeraan alaatiin hojjatame dhuguusaaniitiin lubbuunsaanii akka darbe himameera.
Guyyaa kaleessaa poolisiin dhugaatii seeraan ala jedhame kan to’annaa jala oolche yoo ta’u, namoota dhugaatii kana oomishan jedhaman 25 to’annaa jala oolchuusaa ibseera.
Lakkoofsi namoota du’anii yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira.
Indiyatti summaa’uu alkooliitiin namoonni hamma kanaa du’uunsaanii haaraa miti; rakkoo irra deddeebiidhaan dhalatudha jedhameera.
Waggaa waggatti lammiileen Indiyaa dhibbaatamatti laaka’aman sababa dhugaatii karaa seeraan alaatiin oomishame dhuganiin lubbuusaanii dhabu.
Keessamuaayyuu baadiyyaa Indiyaa keessatti namoonni dhugaatii beekaman bituu manna dhugaatii karaa seeraan ala oomishamee fi gatii rakasaa bitatuu filatu jedha gabaasni Rooyitasri.
Namoonni alkoolii oomishan kunneen meetaanoolii itti dabalu. Meetaanooliin kunis summii kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaanis jabina alkoolichaa dabaluuf itti dabalu jedhameera.
Meetaanoolii hamma xiqqoodhaanis yoo fudhatame rakkoolee akka ija jaamuu, dhukkuba tiruu darbes immoo du’aaf akka nama saaxilu ogeeyyiin ni dubbatu.
Bulchaa Punjaab kan ta’an minister Amiriilandar Siing namoota du’an irratti qorannoon akka taasifamu ajajaniiru.
Gabaasaaleen adda addaa akka ibsanitti dhugaatiin alkoolii kun hamma guddaa ta’een akka oomishamee fi abbootii/haadholii qabeenyaa kaaffee hedduutiif akka gurgaramee fi hawaasni dhugaaticha argachuusaa ibsaniiru.
Dhiheenya kanatti Indiyatti sababa uggura koronaavaayiras manneen dhugaatii cufamuusaaniitiif namoonni araadaa alkoolii qaban saanitaayizar alkoolii of keessaa qabu dhuguusaaniitiif namoonni 10 du’aniiru.
Qondaaltonni poolisii naannichaa akka jedhanitti lubbuun namoota darbuu kan danda’eef sababa namoonni sunneen saanitaayizaricha bishaanii fi dhugaatii lallaafaa waliin walitti makanii dhuganiif akka ta’e dubbataniiru.