Dargaggoonni torba haroo Paanaamaa cinatti du'anii argaman

Madda suuraa, Getty Images
Poolisiin Paanaamaa erga Sanbata darbe namoonni torba du'anii mukeen haroo Paanaamaa jiru cinatti argamanii qorannoo gaggeessaa jira.
Namoonni du'anii argaman umuriin isaanii ganna 17 hanga 22 gidduu taha. Namoonni kunneen magaalaa Paanaamaa irraa Km 80 bakka fagaatu irratti ture du'anii argaman.
Namoota 14 tahanii gara haroo Gaatun jedhamuutti imalaa kan turan yoo tahu, namoonni torba miliqanii hafaniiru.
Isaan akka jedhanitti namoota hidhatan torbatu haleellaa isaan irratti raawwate. Ajjeechaa kanaan namni shakkame tokkos to'annoo jala ooluu himameera.
Namoonni 14 tahan kunneen Jimaata gara haroo Gaatunitti imala kan jalqaban yoo tahu, miidhamtootni rasaasaan akka dhahaman madaan qaama isaanii irra ture ni mul'isa jedhan abbaan alangaa uummataa biyyattii Adolfo Pineedaa miidiyaaleeti yoo himan.
''Karuma hundaa kan nama naasisudha,'' jedhan. Kaayyoon haleellaa raawwate kanaa maal akka tahe hin baramne kan jedhan qondaalonni mootummaa naannoo reeffi isaanii itti argamee qaama haleellaa raawwate barbaadaa jiru.
Reeffi namoota shanii godoo haroo cina jirtu tokko keessaa kan argame yoo tahu, kan nama lamaa ammoo bakkee keessaa argaman.
Maatiin miidhamtootaa akka ijoollee isaanii dhaban kan poolisiitti himan gaafa Jimaataa ture.












