Naannoon Tigraay filannoof wixinee seeraa lama qopheesse

Maxxanfame

Naannoon Tigraay wixinee labsii komishinii Filannoo hundeessuuf qophaa'e akkasumas labsii dambii filannoo qopheessee boru irratti mari'achuuf akka jiru BBC'n ragaa argateera.

Wixineewwan seeraa lamaan qophaa'an irratti Kibxata dhaabbileen siyaasaa naannicha keessa socho'an ni mari'atu jedhamee eeggama.

Wixineen labsii dambii filannoo qophaa'e keewwattoota 130 of keessaa qaba.

Wixineen labsii inni lammataa ammoo Komishinii Filannoo ijaaruu, aangoo fi gaafatama isaa murteessuuf wixinee qophaa'eedha.

Ragaan BBC harka gale akka mul'isutti wixineen labsii kun keewwattoota 33 fuula 27 irratti barraahan qaba.

Wixineewwan seeraa kanarratti mariin erga taasifamee booda mana maree bakka bu'oota uummataatti dhiyaatanii ragga'anii seera ta'u.

Itoophiyaa keessatti filannoon biyyaalessaa marroo jahaffaan Waxabajjii keessa gaggeefamuuf waliigalteerra erga gahamee booda sababa weerara Covid-19'n filannichi yeroo dhibeen kun yaaddoo hawaasaa ta'uun isaa hafu akka gaggeefamu murtaahe.

Mootumman Naannoo Tigraay gama isaan filannoon kun hiikkaa heeraa gaafachuu sababa jedhuun yeroo hin beekamnetti darbuun bu'uura heeraa hin qabu jechuun filannicha Fulbaana 30 dura gaggeesuuf murteesseera.

Torbanoota muraasa duras dhimmuma kana Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Naannichaaf dhiyeesse, filannoon naannoo Tigraay keessatti akka gaggeefamu murtaaheera.

Itoophiyaa keessatti filannoos ta'e Riifarandamii gaggeessuuf qaamni aboon heeraan kennameef Boordiin Filannoo Itoophiyaa ammoo gaaffii naannichi dhiyeesseef deebii kenneen ''Haga haalli weerara Covid-19 irra deebiin ilaalamee, haalli filannoo gaggeessuuf dandeessisu mijataan uumamutti bordichi naannoo kamittuu filannoo hin gaggeessu,'' jedheera.

Hoogganaan Biiroo Haqaa naannichaa mootummaan naannichaa gaaffii kana boordii filannoof dhiyeessuun dura BBC'tti yoo dubbatan Boordiin Filannoo gaafii kanaaf deebii kennuuf yoo harkifate ykn filannicha nuu raawwachiisuu yoo dide, qaama filannoo gaggeessu hundeessinee itti deemna jedhanii turan.

Guyyaa lama duras partileen mormituu naannicha keessatti sosso'an sadii manni maree waloo fi Komishiniin filannoo akka hundeeffamu gaafatanii turan.

MM Abiy Ahimad gara aangootti erga dhufanii booda, dhaaba biyya bulchuufi TPLF gidduu muddamni dabalaa kan deeme yoo ta'u, qaama paartii Badhaadhinaan ala erga ta'ee booda ammoo waldhabdeen jiru jabaachaa deemeera.

Namootni siyaasaa dhimma kanarratti mootummaan Federaalaa dhaaba naannoo Tigaraay bulchu waliin mariyachuutu furmaata ta'aa jechaa jiru.

Halli amma jiru kan itti fufu taanan rakkoon dhaaba Badhaadhinaa fi TPLF gidduu jiru kun biyyaatti balaaf saaxiluuf deemas yaaddoo jedhu qabu.

Qondaalonni paartii Badhaadhinaa naannichi filannoo gaggeessuutti kan cichu yoo ta'e olaantummaa seeraa kabachiisuuf ni hojjenna yaadni jedhu kennamaa ture.