Sababa Covid-19'n 'hanqinni shaqaxoota bu’uuraa Ertiraatti mudatun' gabaafame

Ertiraa
Maxxanfame

Eertiraatti weerara koroonaavaayirasii hordofee tarkaanfii mootummaan fudhaten hanqinni shaqaxootaa bu'uuraa nyaataaf oolan irratti uumameera.

Shaqaxoota gabaa irra jiran irratti ammoo daballiin gatii guddaan mul’achuu maddeen BBC’n dubbise himaniiru.

Keessumaa Eertiraa naannoo Gammoojjii Gaasha Barkaatti haalli isaa hammaachuu irraa kan ka’e ijoolleen beelaaf saaxilamuu jedhame.

Hanqinni kun irra caalaa magaalota Eertiraa keessatti kan mudate yoo tahu Daakuun boqqoolloo kanaan dura Naafqaa maallaqa Eertiraa 1,000’n gurguramaa ture amma dachaan dabalee Naafqaa 2,000 galuu himan.

Dabalataan, hanqinni bishaan dhugaatii guddaan akka jiru himu.

Kanaan dura bishaan konkolaattota bishaan raabsaniin hiramaa ture .

Amma erga weerarri koroonaavaayirasii dhufeeen as sababa hanqina boba’aa mudateen konkolaattotni kunneen tajaajila isaanii xiqqeessaniiru jedhan.

Mootummaan Eertiraa weerara vaayirasichaa ilaalchisuun ibsa yommuu kennu ‘’daangaa keenyaa fi mana keenya cufannee ittisuu yoo tahe malee tooftaa biraa hin qabnu’’ jechuun isaa ni yaadatama

Kana irraa kan ka’e lammiileen biyyatti nyaata bitaachuufi dhimmoota murteessoof yoo tahe malee mana isaanii cufataniiti kan oolan.

Hidir kan jedhamu deeggarsa mootummaan shaqaxoota akka boobee, zayitaa, sukkaaraa fi baala shayee kan dhiyeessu irraa bitachaa namootni turan jiraattotni magaalaa Asmaraa amma hanqinni akka isa mudatedha kan himan.

Lammiileen biyyattii dhiyeenyatti oomishaalee nyaataa argachuu kan danda’an Sudaanii fi Itoophiyaa irraa tahus amma daangaan cufamuu irraa kan ka’e rakkinichi akka itti hammaatu taasisuu dubbatu.

Namootni BBC’f yaada isaanii kennan mootummaan Eertiraa biyya keessaa fi alaa deeggarsa walitti qabaa waan tureef deeggarsa nuuf taasisuu danda’a abdii jedhus akka qaban himan.

Gama biraan ammoo deeggarsi walitti qabamaa ture maal irra akka oolaa jiru uummataaf hin ibsamu jechuun komatu.

Maatiin biyya alaa irraa maallaqni ergameef ammoo dhaabbilee daddabarsa maallaqaa Hawalaa irraa bilbilameefii maallaqni isiniif ergame gaheera gaafa sochiin ummataa eeyyamamu fudhattu akka jedhaman himu.

Kunis fedhii amma qaban guuttachuufi waan barbaadan bitachuuf rakkoo akka itti tahe dubbatan.

Bakkeewwan tokko tokkotti ammoo bulchitootni naannichaa qonnaan bultoota irraa midhaan walitti qabuun namoota vaayirasichaan miidhamaniif deeggarsa akka taasisaa jiran dubbatu namootni BBC’n dubbise.

Eertiraan daangaa ishee cuftee lammiileen ishees manuma akka turan erga murteessitee amma ji’ootni sadii darbaniiru.

Magaalota keessatti ammo humnootni nageenyaa sochii uummataa cimsanii akka to’achaa jiran jiraattotni dubbisne himaniiru.