Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronavaayirasii: Covid-19 bara darbe baatii Muddee keessa Xaaliyaanii keessa turu qorannoon mul'ise
Saayintiistoonni Xaaliyaanii koronaavaayiirasiin osoo nama jalqabaarratti argamuun hin mirkanaa'iin dura, saamuda bishaan magaaloota lama irraa fudhatameen Muddee 2019 keessa biyyattii keessa jiraachuu adda baafneera jedhan.
Inistitiyuutiin Fayyaa Biyyaaleessaa (ISS) biyyattii akka jedheetti, saamuda bishaan Magaalaa Miilaaniifi Turiin irraa fudhatameen sanyiin vaayirasii koronaa guyyaa Muddee 18 argameera.
Kunis ragaalee biyyoota biraa irraa tarii vaayirasichi yeroo namoota irratti mullachuun barameen dura biyyoota keessaa kan yaadamee caalaa tureeraa jedhuuf ragaa dabalataa ta'eera.
Aanga'oonni Chaayinaa biyya koronaavaayirasiin akka irraa maddeetti himamtuus, namni jalqabaa qabamuu kan mirkanneessan dhuma baatii Muddeetti ture. Xaaliiniin ammoo nama jalqabaa kan mirkanneessite Wallakkeessaa Guraandhalaa ture.
Caamsaa keessa saayintiistoonni Faransaayii qorannoo saamuda irratti taasisaniin, dhukkubsataan Muddee 27 dhukkuba sombaatiin dhiheenya Paariis irraa wallaanamee turees dhugaatti koronaavaayirasiin kan qabamee ture ta'u adda baasuu himan.
Haaluma walfakkaatuunis qorannoo Ispeen keessatti bishaan dhangala'aa Magaalaa Baarseloonaa irratti wallakkeessa Amajjii gaggeeffameen, osoo namni vaayirasichaan qabamunsaa hinmirkanaa'iin guyyoota 40 vaayirasichi biyyattii keessa jiraachu himaniiru.
Qorannoo kana keessattis, saayintistoonni Inistitiyuutiin Fayyaa Biyyaaleessaa bishaanii bakkeessawwan bidhaan itti wallaanamuun deebiifameen faayiidaarra olfamu 40 irraa kaaba Xaaliyaanii saamuda waliitti waliitti qaban. Yeroon isaas baatii Onkolooleessaa hanga Guraandhalaa keessa ture.
Haaluma kanaanis bu'aan qorannoo saamudiiwwan baatii Onkolooleessaa hanga Muddee jiruu nagaatiivii ta'uun vaayirasichi biyya keessa kan hingallee ta'u mulliseera, jedhniiru Inistitiyuutiin Fayyaa Biyyaaleessaatti oggeessii qululina bishaanii kan ta'an Guseepinaa La Rozaa.
Saamudi dhangala'aa bishaan Bolognaa ammoo vaayirasichi jiraachu Ammajjii irraa keessee mulliseera.
Qorannoon kunis saayinitistoonni vaayirasiin kun attamiin Xaaliiyaanii keessa akka faca'ee hubachuuf ni gargaara jedhaniiru Ms La Roozaa.
Haata'u malee, qorannichi ''tatamsa'inni vaayirasichaa gara weeraraa qaqabee kunis biyya keenya keessatti kanarraa madduun eegalee'' kan jedhuutti hiikkamuu hindanda'u.
Namni jalqabaa koronaavaayirasiitiin qabamuun mirkanaa'eefi biyya laarraa kan hintaane kan argame bulchiinsa Loombaardiitti magaalaa Kodognoo irraa ture. Magaalattiinis ugguramuun sararrii diimaan kan kaa'amee Guraandhala 21 irratti ture.
Itti aansees magaaloon Laambaardii 21 fi ollaatti kan argamu Veenetoo uggura kan kaa'aan yoo ta'u, booda ammoo biyyattii guutuun Bitooteessa irraa kaasee uggurri kaa'ame ture.
Inistitiyuutiin Fayyaa Biyyaaleessaa akka jedheetti, bu'aan qorannoo dhangala'aa bishaanii irratti gaggeeffamee kunis akka 'tarsiimoo gaarii'' ilaalama. Sababiinsaas vaayirasichi qorannoo wallaansaan osoo adda hinbaafamiin dura biyya keessa jiraachuu waan mulliseef jedheera. Biyyoonni biraa hedduunis amma mala walfakkaataa kana fayyadamaa jiraachuusaaniis dabaluun ibsame.
Inistitiyuutichi akka jedheetti, baatii Adooleessaa irra kaasuunis dhangala'aa bishaan riizoltiiwwan turistii irratti pirojaktii qorannoo hordooffii gaggeessuuf karoorfateera. Kaayyoon isaas booda baruma kana keessaa qorannoo dhangala'aa bishaanii gutuu biyyaa irratti gaggeessuuf jedhan.
Xaaliiyaanii keessaatti namoota gara kuma 35 ta'utuu Covid-19 du'usaanii ragaan Yunivarsitii Joons Hopkins irraa argame ni mullisa.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras